Abstract:
Qorannoon kun Ogafaan asoosamoota Afaan Oromoo ‘Hawwii’, ‘Yeroon Siif Haadhiistuufi ‘Yoomii Laataa?’ keessatti argaman qaaccessuurratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa Ogafaan asoosamoota ibasaman keessatti argaman qaaccessuun ibsuudha. Kaayyoon gooree qorannichaa, itti fayyadamni ogafaanii asoosamoota keessatti maal akka fakkaatu hubachuufi unkaalee ogafaan asoosamoota kanneen keessatti argaman adda basuuf kan gaggeeffamedha. Kanamalees, faayidaa ogafaan asoosamoota kanneen keessatti qabu tarreessuu, qabiyyee ogafaan asoosamoota kenneenii ibsuu, asoosamoonni kunniin gosoota ogafaan bal‘inaan fayyadaman eeruufi walfakkeenya itti fayyadama ogafaanirratti asoosamoonni kunniin qaban eeruu jedhu qabachuun kan adeemsifamedha. Qorannoon kun, qorannoo bu‘uuraa yoo ta‘u, saxaxa qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennamedha. Ragaalee mala sakata‘insa kitaabaatiin fuunaanaman akkatuma uunkaa isaaniin adda baasuun qabiyyeewwaniifi fayidaalee ogafaan asoosamoota kanneen keessatti qaban bal‘inaan xiinxalamaniiru. Asoosamoota ibsaman keessatti uunkaaleen ogafaanii kanneen akka: mammaaksa, geerarsa, sirbootaa, faaruuwwan garaagaraa, eebbaafi afwalaloo adda addaa baldhinaan waan argamaniif hariirooleen kunneen maddagaloota sonoonoota hawaasaati. Eargaafi qabiyyeen ogafaanota asoosamooata kanneenii, bu’aa ba’ii jiruufi jireenya hawaasichi keessa tureefi lufe kan ibsu ta’uu, hawaasni mirga isaaf cimee akka qabsaa’u kakaasuuf kan itti dhimma bahaman ta’uudha. Asoosamoota kanneen keessatti uunkaaleen ogafaanii hedduuminaan argaman mammaaksadha. Ogbarruun ogafaanota tursuuf gahee guddaa kan qabu ta’uufi kanneen biroon akka argannoo qorannoo kanaatti taa’aniiru. Asoosamoonni fuulduratti barreeffaman gosoota ogafaanii hunda keessatti hammachiisuun barreessuun dhaloonni boodaan dhufu akka baru gochuun gaaridha kan jedhu akka yaada furmaataatti kaa’eera