TAJAAJILA HIROO HAWAAS-DIINAGDEE KEESSATTI: GODINA HORROO GUDURUU WALLAGGAA AANAA JIMMAA GANNATII IRRATTI XIYYEEFFACHUUN

Show simple item record

dc.contributor.author Geetuu, Darajjee
dc.contributor.author Bayyanaafi, Dr. Imaanaa
dc.contributor.author Amaan, Dr. Jeeyilaan
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:35:02Z
dc.date.available 2018-01-28T17:35:02Z
dc.date.issued 2018-12
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1343
dc.description 77p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree tajaajila weedduu mararoo dhimmoota hawaasdiinagdee keessatti godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii irratti xiyyeeffachuun gaggeeffame. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa tajaajilaalee mararoon dhimmoota hawaasdiinagdee keessatti qabu galumsa hawaasaa guutuu keessatti qaaccessuufi akka madda ragaa duudhaa hawaasaatti barreeffamaan akka turu gochuudha. Barbaachisummaan qorannoo kanaa: hawaasni aadaafi sirboota mararoo hubatee dhaloota haaraa akka dhaalchisuufi badii irraa baraaruuf, ogeessotaafi barsiisota manneen barnootaa, waajjiraalee aadaafi tuurizimii naannoo qorannoon kun itti gaggeeffameef, ogeessota kitaaba ogafaanii qopheessaniif akka madda ragaatti gargaaruu nidanda’a; akkasumas, dhalootni haaraan argannoo qorannoo kanaa dubbisanii weedduu mararoo akka beekaniifi of-fuulduraatti tarkaanfachiisaniif, hawaasti Oromoo yeroo ammaa tajaajilaaleefi gaheewwan hiroo dhimmoota hawaas-diinagdee keessatti qabu irratti xiyyeeffannoo hinkennine ofduuba deebi’ee akka barbaaduufi hubatuuf karaa saaqa jedhameetu abdatama. Qorannoon kun gosoota yaadiddamoota qorannoo ogafaanii keessaa yaadiddama tajaajilaatti gargaarameera. Malleen qorannoo keessaa mala qorannoo akkamtaa irratti kan xiyyeeffatedha. Gosa iddatteessuu miti carraa keessaa darbaan dabarsaafi akkayyootti dhimma bahameera. Tooftaaleen ragaa himtootarraa ragaaleen ittiin funaanaman afgaaffiifi daawwannaadha. Ragaaleen iddattoo qorannoo kanarraa argaman haala gaaffilee bu’uuraa deebisaniin erga qoodamanii booda himaan ibsamuun hiikni itti kennameera. Qabiyyeewwan mararoo fuudhaafi heerumaa kunis haala jiruufi jireenyaa, naamusa jireenya hawaasummaa, jaalala: jaalala hiriyyummaa, jaalala maatii, jaalala firoottanii, jaalala manguddootaa, jaalala namoota dhiyeenyatti waliin jiraatanii, haala guddisa maatii, komii, sodaafi k.k.f qaacceffamaniiru. Argannoo keessattis dhimmootni hawaasummaafi diinagdee jiraachuun isaanii adda baafameera. Dhumarrattis dhimmootni qaamota addaddaan xiyyeeffannoo argachuu qabanis yaboo qorannoo kana keessatti eeraman kanneen akka qabiyyee mararoo, tartiiba raawwii mararoo, gufachiistota mararoo, tajaajila mararoofi k.k.f ni argamu. en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title TAJAAJILA HIROO HAWAAS-DIINAGDEE KEESSATTI: GODINA HORROO GUDURUU WALLAGGAA AANAA JIMMAA GANNATII IRRATTI XIYYEEFFACHUUN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account