QAACCESSA QABIYYEE FAARUU QAALLUU MACCAA: AANAA SIBUU SIREETTI

Show simple item record

dc.contributor.author Abbabaa, Galataa
dc.contributor.author Bayyanaa (PhD), Imaanaa
dc.contributor.author Amaan (PhD), Jeeylaan
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:38:39Z
dc.date.available 2018-01-28T17:38:39Z
dc.date.issued 2018-12
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1344
dc.description 80p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun Qaaccessa qabiyyee faaruu Qaalluu Maccaa irratti kan hojjetamedha. Innis Godina Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti gandoota baaddiyyaa afur keessatti kan daangeffame yoo ta’u, Ka’umsi qorannoo kanaas sirni waaqeffannaa Qaalluu Maccaa sababoota addaddaan waan laafaa dhufeef faaruun Qaalluu dhabamuu isaati. Galma ga’insa qorannoo kanaafis kaayyoon gooroofi gooree adda baafamee gaaffilee bu’uura qorannoo kanaan deebiin argameera. Qorannoon kunis Barruulee qorannoo kanaan walqabatan sakatta’uun qorannoon kun yaada beektotaan gabbatee dhiyaateera. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka: afgaaffii, marii gareefi daawwannatti dhimma ba’ameera. Xiinxala ragaaleefis mala beektonni addadaa fayyadaman kanneen qorannoo kana waliin deemanitti dhimma ba’ameera. Qorannoo Akkamtaa keessatti hawaasa hunda quunnamuun ragaa argachuun waan ulfaatuuf mala iddattoo addaddaa fayyadamuun barbaachisaadha. Qorannoo kanaafis mala Akkayyoofi Darbaadabarsaa fayyadamuun hawaasa aanaa Sibuu Siree keessaa namoonni iddatteeffamaniiru. Faaruu hawaasa keessaa argame qoqqooduun qaaccessuuf mala garaagaraa kanneen akka dhugaa hawaasa keessa jiruufi yeroo faaruun itti faarfamu bu’uurefachuun qoqqoodameera. Argannoon qorannoo kanaas gaaffilee qorannoo kanaa guutuutti deebiseera. Isaanis: Gooreewwan qabiyyee faaruu Qaalluu Maccaa faaruu oofuu baasuu, faaruu waarii, faaruu yamboofi faaruu qawwaa ta’uunsaa barameera. Ergaan faaruu Qaalluu Maccaa kadhaa Waaqaa, galata Waaqaa, araara Waaqaafi naamusa kan barsiisu ta’uunsaa hubatameera. Faayidaan isaas gorsuu, barsiisuu, abdachiisuufi akeekkachiisuu akka ta’e barameera. Akkasumas sona hawaasaa addaddaa kan qabu ta’uunsaa ifoomeera. Haaluma kanaan yaadni furmaataa faaruu Qaalluu Maccaa kana tursiisuu danda’a jedhamee abdatamu kennamee jira. Innis ogafaan kun duudhaa hawaasaa kana fuudhee akka hinbanneef qaamni dhimmi kun kallattiin ilaallatu hawaasaafi beektota naannichaa waaliin ta’uun dhaabbata Qaalluu kana deebisee haaromsun barbaachisaadha. Qaamni akka ijootti irratti hojjechuu qabu Biroon Aadaafi Tuurizimii sadarkaa sadarkaan jiru bakka dhaabbata kanaatti argamuun duudhaa Qaalluu deebisanii mirgisiisuu irratti hojjechuu qabu, dhaloota ammaa keessattis hubii uumuun yaada furmaatati. en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.title QAACCESSA QABIYYEE FAARUU QAALLUU MACCAA: AANAA SIBUU SIREETTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account