Abstract:
Qorannoo kun Qaacceessa Faaruu Waaqeeffannaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sooddoo Daaccii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u kaayyoon isaa inni gooroofaaruu Waaqeffannaa galumsa raawwii amantichaa keessatti funaanuu, qaaccessuufi akka ambaa hawaasaatti kunuunfamee akka tursiifamu taasisuudha. Dhaloonni ammaa Waaqeffannaarratti baay'inaan hirmaatu malee faaruu isaa namoonni beekanifi itti fayyadaman lakkoofsaan muraasa waan ta'aniif faaruun Waaqeffannaa dagatamaa deemuun akka baduuf sababa guddaa ta'eera. Kana malees, dhiibbaan ammayyummaafi amantaalee biroo, hubannoo dhabuu hordoftoota amantii Waaqeffannaa, sirna bulchiinsa mootota habashaafi kkf akka badan taasiseera. Kanaaf, duudhaaleefi ayyaaneffannaalee Waaqeffannaafi faaruuwwan isaarratti qorannoon gaggeefamuun hedduu murteessaadha. Qorannoon kunis faaruuwwan Amantii Waaqeffannaa waliin walqabsiisuun dhimmoota Sirna Gadaa, Ayyaneffannaa Facaasaa, Ayyaneffannaa Ateetee, Jila Fuudhaafi heerumaa, Sirna boo’ichaa, Ayyaaneffannaa Irreechaa, Sirna moggaasaafi guddifachaa, ayyaneffannaa gumaafi gaafataa, Ayyaneffannaa Tolcha Qalaa irraatti xiyyeeffannnoo kenneera. Gosa qorannoo akkamtaatti kan dhimma bahame yoo ta’u madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa waliin simsiifamaniiru. Akka iddattootti namootii diigdamii saddeet (28)dhiirri 24 fi dhalaan 4 gareewwan hawaasaa addaddaa keessaa kan hirmaatan yoo ta’u, iddaattoo miti carraa itti dhimma bahameera. Meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaafii, marii garee xiyyeeffannoo, daawwannaafi sakkatta’a galmeetti fayyadamuun ragaaleen funaanamaniiru. Ragaaleen meeshaalee ibsamaniin funaanaman yaadiddama faayideesummaa dhimma bahuun qaacceeffamaniiru. Faaruuwwan ayyaaneffannaalee funaanaman ulaagaalee addaddaarratti hundaa’uun qoqqoodamuun qaacceffamaniiru. Kana malees ragaaleen xiinxalaman, guduunfaa, cuunfaafi gaaffiilee qorannoorratti hundaa’uun argannoon kanneen akka adeemsa ayyaaneffannaalee Waaqeffannaa dagatamaa jiru Hubannoo gahaa uumuudhaan deebisanii dagaagsuun barbaachisaa waan ta'eef abbootiin amantaafi abbootiin gadaa caalaatti hojjechuu qabu, faaruuwwan ayyaaneffannaalee Waaqeffannaa kan akka ateettee, facaasaa, ayyaana tolchaa qalaa, wadaajaa, gumaafi kan biroo dhimma hawaas-dinagdee keessatti faayidaalee garaagaraa uummataaf kan kennanidha. Meeshaaleen aadaa galumsa ayyaaneffannaalee Waaqeffannaa keessatti aadaa, seenaafi duudhaa uummatichaa baasanii mul'isuuf akka humna cimaa kan qaban ta'uu. Faaruuwwan Waaqeffannaa dhiibbaa amantaalee ambaan dagatamaa jiran fuulduraaf dhaloonni akka kunuunfachuu danda'u Waajjirri Aadaafi Turiizimii caalaatti bifa fooyya'een hawaasaaf hubannoo kennuu jijjiirama agarsiisuu qaba.