Abstract:
Qorannoo kun ibsaafi hiika fakkoommii meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo Gujii Aanaa Galaanaa ibsuufi xinxaluu irratti xiyyeeffata. Gosti qorannoo kanaa qorannoo Akkamtaa ibsaa yoo ta’uu, maddi ragaalee sadarkaa tokkoffaafi lammaffaati dhimma bahamaaniiru. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti filatame mala iddatteessuu Akkayyaa dha. Qaamonni qorannoo kana keessatti hirmaatan abbootii Gadaa, dubartoota, dursitoota Qaalluufi ogeessota Aadaaf Turizimiiti. Meeshaaleen funaansa ragaalee itti dhimma bahaman af-gaaffii, daawwannaa, marii garee xiyyeeffannoofi harshammeetti dhimma baheera. Malleen xinxala raagaalee qorannoon fayyadamee qaaccessa qabiyyeefi caasaati. Argannoon qorannoo kanaas, meeshaaleen ulfoo aadaa hawaasa Oromoo Gujii biratti kabajaafi iddoo olaanaa qaba. Namni tokko meeshaa ulfoo fayyadamuuf dursa adeemsa umrii sirna Gadaa keessa darbuu qaba. Dhiiras ta’ee dubartiin Oromoo Gujii meeshaalee ulfoo aadaa kan mataa isaanii qabu. Meeshaaleen ulfoo aadaa kaayyoofi yeroo barbaaddaman sana qofa keessatti tajaajila kennu. Akka hawaasa Oromoo Gujiitti meeshaaleen kunneen hiikaa mallattoofi ilaalcha hawaasni sun isaan ibsuu danda’u qabu. Yeroo waa’een meeshaalee ulfoo aadaa ka’uu, sirni Gadaafi Qaalluun Gujii biraa hafuu hindanda’ani. Sababni walitti hidhamuu sirna Gadaafi Qaalluu meeshaalee ulfoo aadaa keessattii, Qaalluun meeshaallee ulfoo aadaa eebbisee warreen umriin isaanii ga’e abbootii Gadaa ta’uu danda’aniif waan kennuuf. Walumaagalatti meeshaaleen ulfoo aadaa hawaasa Oromoo Gujii karaa siyaasaa, nageenyaa, hawaasummaa, dinagdeefi eenyummaan ibsuuf tajaajila kennuu danda’u. Yaadni kallattii qorannoo kanaaf gama hawaasa kamuu ilaallatuun xiyyeeffannoon akka itti kennamuuf argannoon mirkanaa’eera.