QAACCESSA NAMFAKKIILEE DUBARTOOTAA ASOOSAMOOTA AFAAN OROMOO ‘GODAANNISAA’FI ‘GURRAACHA ABBAYAA’

Show simple item record

dc.contributor.author Taarikuu Ittisaa, Lammeessaa
dc.contributor.author aldaa, Fiqaaduu B
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:45:21Z
dc.date.available 2018-01-28T17:45:21Z
dc.date.issued 2018-03
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1348
dc.description 65p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mataduree Qaaccessa Namfakkiilee Dubartootaa Asoosamoota ‗Godaannisaa‘fi ‗Gurraachaa Abbayaa‘ jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon guddaan qorannoo kanaas Namfakkiileen Dubartootaa Asoosamoota eeraman lamaan keessatti gaheewwan jiruufi jireenya hawaasaa keessatti isaan qaban maal akka fakkaatu gad fageenyaan ibsuudha. Qorannichaaf ka‘umsa kan ta‘e qeeqa gama og-barruu Oromoon dhimmoota namfakkiilee dubartootaa ilaalchisee baay‘inaan mul‘achuu dhabuufi hojiileen asoosamoota Oromoo irratti hojjetaman muraasa ta‘uu isaati. Gosti qorannoo qorataan gargaarame qorannoo akkamtaa yookiin qulqulleeffataati. Kanas odeeffannoo mala sakata‗insa kitaabaatiin (harshammee) kan funaannamedha. Haaluma kanaan Asoosamoota Oromoo jrian keessaa ‗Godaannisaa‘fi‗Gurraacha Abbayaa‘ filachuun, gaaffiiwwan gahee namfakkiileen dubartootaa gama hawaa-summaan, diinagdeefi gama siyaasaatiin qabantu qaacceffame. Akkasumas, haala bocama namfakkiilee dubartootaa itti bu‘uureffaman, akkaataa isaan hariiroo koornayaa waliin aangeffamaniifi miidhalee namfakkiilee dubartootaa irra gahan; miidhaa gama xiinsammuufi miidhaa qaamaan jiran keessatti Asoosamoota lamaanuu keessatti qaaccessame. Bu‘uuruma kanaan qaccessichi qabxiilee tarreeffaman kana jalatti hafeewwan adda addaa asoosamicha keessaa kan fudhatamedha. Kanaafuu, bu‘aan qorannichaa gaheewwan namfakkiilee dubartootaa ilaalchisee gama hawaasummaan, asoosama ‗Godaannisaa‘ keessatti dubartoonni rakkoo isaan qunnamu kunuunsa waliif taassisuufi furmaata walii kennuun yoo ibsamu; asoosama ‗Gurraacha Abbayaa‘keessatti immoo dubartoonni gaheen isaanii mana keessa, dhiironni immoo gara bakkee ta‘uu ibsameera. Gama diinagdeetiin asoosama lamaanuu keessatti dubartoonni qabeenyaan kan of danda‘aniifi hirkatoo ta‘uun dhiyaatan. Gama siyaasaan ilaalchisee, asoosama ‗Godaannisaa‘ keessatti olaantummaa siyaasaa bara sanaa jalaa miliquuf jecha akka maqaa isaanii ganamaa jijjiiranii of dhoksanii jiraatan mul‘isa. Asoosama‗Gurraacha Abbayaa‘ keessatti immoo dubartoonni olaantummaa siyaasaan akka dhuman ibsame. Bocama namfakkiilee dubartootaa ilaalchisee, asoosama ‗Godaannisaa‘ keessatti rakkinaafi gidiraadhaan kan jiraatan yoo ta‘u, asoosama ‗Gurraacha Abbayaa‘ keessatti immoo dubartoonni hiree isaanii kan ofiin hin murteeffanne ta‘anii mul‘atan. Gama biroon miidhalee namfakkootaa ilaalchisee, Asoosama lamaanuu keessatti miidhaa xiin-sammuufi qaamaa akka irra gahe kan ibsamedha. Kanaafuu, argannoowwan eeraman kana irratti hundaa‘uun hayyoonni Oromoo bifa adda addaatiin dhimmoota kana fakkaatuun Asoosamoota kanas ta‘ee, kitaabota biroo irraatti qorannoo bal‘aa gaggeessuun hawaasni akka irraa baratuuf namni hunduu gahee isaa akka bahu gochuun gaarii ta‘a kan jedhu yaada qoratichaati. en_US
dc.description.sponsorship HAramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.title QAACCESSA NAMFAKKIILEE DUBARTOOTAA ASOOSAMOOTA AFAAN OROMOO ‘GODAANNISAA’FI ‘GURRAACHA ABBAYAA’ en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account