XIINXALA HUBANNOOF DUBBISUU BARATTOOTA DAREE BARNOOTA AFAAN OROMOO: GODINA JIMMAA AANAA NOONNOO BEENJAA MANA BARUMSAA QOPHAA’INA ALGAATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Dirribaa Arfaasaa, Misgaanuu
dc.contributor.author Amaniifi, Dr.Jeilan
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:54:18Z
dc.date.available 2018-01-28T17:54:18Z
dc.date.issued 2018-03
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1350
dc.description 82p. en_US
dc.description.abstract Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa xiinxala hubannoof dubbisuu barattoota daree barnoota Afaan Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaatti Mana Barumsaa Qophaa’ina Algaa jedhurratti xiyyeeffate. Kaayyoon qorannichaa Sababoota HD barattootaa daangessan, tarsiimoo HD ittiin barsiifamuu, muxannoo barattoonni dubbisanii hubachuu irratti qabanufi xiyyeeffannoo HDtiif kennamaa jiru xiinxaluu irratti kan kaayyeffatedha. Qorannoo kana keessatti malli dhimma itti bahame mala makaati. Mala kana keessaa immoo wixinee qorannoo makaa walfaanommiitti dhimmi bahameera. Filannoon mana barnootaa mala iddatteessuu kaayyootiin, daree barnootaa iddatteessuu carraa salphaatiin, kan barattootaa mala iddatteessuu mijataadhaan yoo filataman, iddattoon barsiistotaa mala iddatteessuu kaayyootiin filatamaniiru. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan funaannachuuf immoo meeshaalee odeeffannoon ittiin funaaname keessaa bargaaffii, afgaaffifi, daawwannaatti dhimmi bahaameera. Qaaccessa ragaa ilaalchisee, odeeffannoon jechaan ibsaman mala ibsaatiin ykn akkamtaan, kanneen lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaatiin bifa gabateetiin lakkoofsaafi dhibbeentaan qacceffamaniiru. Qaacceessa kana irraa kan hubatame sababonni dubbisanii hubachuu barattootaa danqan kanneen dubbisaafi dubbisaadhaan walqabatan ta’uu, hubannoof dubbisuun bifa sirrii ta’een daree keessatti barsiifamaa akka hinjirre, barattoonni muuxannoo dubbisuu bal’aa akka hinqabneefi xiyyeeffannoon barattoonniifi barsiisonni HD barachuufi barsiisuuf kennaa jiranu laafaa ta’uun hubatameera. Dhumarratti argannoo qorannicharraa argamerratti hundaa’uun yaadoleen furmaataa kennamaniiru. Isaanis, barsiifata dubbisuu barattootaa fooyyessuu, barsiisonni gargaarsa barbaachisaa barattootaaf kennuu, barattoonniifi barsiisonni hubannoof dubbisuu keessatti gahee isaanii osoo bahatanii kan jedhanidha. Kana malees, hubanoof dubbisuuf xiyyeeffannoo kennuu, barattoonni dandeettii dubbisanii hubachuu isaanii akka cimsataniif fedhiin isaanii akka dabaluuf irratti hojjechuu, kitaaba Afaan Oromoo barattootaaf guutuu taasisuu yaadolee jedhan irratti osoo hojjetamanii gaariidha kan jedhu akka yaada furmaataa /yaboo /tti kaa’amaniiru. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya university en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA HUBANNOOF DUBBISUU BARATTOOTA DAREE BARNOOTA AFAAN OROMOO: GODINA JIMMAA AANAA NOONNOO BEENJAA MANA BARUMSAA QOPHAA’INA ALGAATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account