Abstract:
Qorannoon kun Qaaccessa Faayidaa Faaruu Darashii Godina Harargaa Bahaa aanaa Kombolchaa irratti kan xiyyeeffatudha. Kaayyoon qorannoo kanaa faaruu darashii hawaasa kana faana baroota lakkoofsise akka hinjijjiiramneefi hinlaafneef cimmisuun faayidaawwan isaaniitti qoqqooduun qaaccessuudha. Kunis, haftee hawaasa kanaarratti qorannoon taasifame muraasa ta‟uurraan kan ka‟e, aanaa jedhamerratti xiyyeeffachuun qorannoo barreeffamaan lafa kaa‟uuf fuuleffatedha. Qorannoon kunis gandoota aanaa kana keessatti argaman keessaa gandoota shanirratti (5) kan taasifamedha. Malli qorataan qorannoo kanaaf dhimma itti bahe mala qorannoo qulqulleeffataa yoota‟u,maddoota ragaalee madda ragaa tokkoffaafi lammaffaa irratti kan xiyyeeffatudha. Akkaataa malleen odeeffannoon itti funaaname immoo, afgaaffii, daawwannaa, sakatta‟a harshammeefi marii garee xiqqaati. Darashiin seeraafi yoomessa mataa ofii akka qabu adda baafameera. Dabalees, gama argannoowwaniin, darashiin Oromoo hawaasa biro kan jiruufi jireenya hawaasichaa akka daawitiitti calaqqisiisu, eenyummaa sabichaa ifatti kan mul‟isu, labataaf gorsa kan kennu, seenaafi seexaa hawaasichaa kan addeessu, galmee seenaa hawaasa kanaati yoo jedhame bokoksuu hinta‟u.