QAACCESSA BARREEFFAMA XALAYAALEE WAAJJIRAALEE MOOTUMMAA, GODINA HARARGEE BAHAA, AANAA HARAMAAYAA

Show simple item record

dc.contributor.author Darajjee Imaanaatiin, Yaanneet
dc.contributor.author Baldaa, Fiqaaduu
dc.contributor.author Abdoo, Mohaammed
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:16:46Z
dc.date.available 2018-01-28T16:16:46Z
dc.date.issued 2019-10
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1427
dc.description 80p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun Qaaccessa Barreeffama Xalayaalee Waajjiraalee Mootummaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa irratti xiyyeeffata. Qorannoo kana gaggeessuuf qorannoo malleen makaatti dhimma bahaamtee jirti. Meeshaalee funaansa ragaalee qorannichaa sakatta’a barreeffamaa, afgaffii fi marii garee xiyyeeffannootti. Xalayaalee 36 waajjiraalee lamaan irraa sakatta’a barreeffamaan argamee fi afgaaffii hoggantootaa, itti aantootaa fi abbaa adeemsa hojiif taasisameen odeeffannoon argaman qaacceffamanii jiru. Hojjettoota Waajjiraalee Barnootaa fi Aadaaf Tuurizimii Aanaa Haramaayaa keessaa ragaa himtoota 8 filachuun mala iddatteessuu miti-carraa, iddatteessuu dhimmataatti fayyadamuun ragaaleen funanamaniiru. Ragaalee argame kanaanis barreeffamni xalayaalee rakkoolee kanneen akka sirna tuqaaleetti seeraan fayyadamuu dhabuu, seeraan qubeessuu dhabuu, qubguddeessa sirrii fayyadamuu dhabuu fi caasaa afaanii akkaataa seerri isaa ajajuun gargaaramuu dhabuudha. Sababni dogongoroota kanneenis hojjattoonni xiyyeeffannaa Afaanichaaf kennuu dhabuu, seerota afaanii beekuu dhabuu, leenjiin yeroo yeroon hojjettootaaf ogummaa barreessuu irratti kennamuu dhabuudha. Kanaafis yaada furmaataa kan ta’uu: qaamni dhimmi ilaalatu hundi seera barreeffama Afaan Oromoo fi saayinsii barreeffamaatiif xiyyeeffannoo kennuu, ogeessota afaanii waliin ta’uun leenjii hojii irraa yeroo yeroon kennuu, dandeettii barreessuu irra deddeebiidhaan shaakaluudha. Dabalees, moosaajiin (software) Afaan Oromootiin qophaa’ee itti dhimma bahuun guddina Afaan Oromoof gahee olaanaa qaba. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCESSA BARREEFFAMA XALAYAALEE WAAJJIRAALEE MOOTUMMAA, GODINA HARARGEE BAHAA, AANAA HARAMAAYAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account