XIINXALA HIIKA MALLATTOOLEE MILKII ILAALLACHUU: GODINA WALLAGGA LIXAA, AANAA GIMBII

Show simple item record

dc.contributor.author Gammachuu Hundee, Ayyaantuu
dc.contributor.author Amaaniif, Dr.Jeeylaan
dc.contributor.author Bayyanaaf, Dr. Imaanaa
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:10:51Z
dc.date.available 2018-01-28T17:10:51Z
dc.date.issued 2019-07
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2505
dc.description 91p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree xiinxala hiika mallattoolee milkii ilaallachuu Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gimbii irratti kan xiyyeeffate yummuu ta’u, qorannoo kana geggeessuuf ka’umsa kan ta’e aadaan milkii ilaallachuu yeroo ammaa sababa ammayyummaafi amantaan badaa jiraachuudha. Kaayyoon qorannichaas hiika mallattoolee milkii ilaallachuu xiinxaluun ifa baasuudha. Malli qorannichaaf hojii irra oole mala ibsaa yummuu ta’u, gosa qorannoo akkamtaa fayyadamuun kan geggeeffameedha. Sababni malli kun filatameefis meeshaalee funaansa ragaalee qorannichaaf filatamaniifis mijataa waan ta’eefi. Kana bu’uura godhachuun wixineen qorannichaa mala akkamtaa fayyadamuun qorannichi adeemsifamee jira. Maddi ragaa qorannichaaf hojiirra oole madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa yummuu ta’u. Maddi raga tokkoffaa namoota mata duricha irratti muuxannoo qabaniidha, maddi ragaa lammaffaa immoo barruuwwan qorannicha deeggeran adda addaati. Malli iddattoo qorannoocha geggeessuuf hojii irra oole mala iddatteessuu miti carraa yummuu ta’u, meeshaaleen funaansa ragaalee qorannichaas afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti. Argannoon qorannichaan bira ga’ames:hiikni mallattooleen milkii ilaallachuu of keessaa qabu hiika milkii gaariifi hiika milkii gaarii hin taane ta’uu, milkii ilaallachuuf akka mallattootti kan fudhataman gocha raawwii namaa, bineensota, beeyiladoota, hallaattiiwwan,ilbiisota, lubbumaleeyyiifi taateewwan biroo kan ofkeessatti hammatu ta’uun adda ba’ee bira ga’ameera. Akkasumas, milkii ilaallachuun faayidaa akka qabuufi barbaachisaa akka ta’es xiinxallii geggeeffameen ifa ba’eera. Gama amantaa adda addaanis namoonni ilaalchi isaan milkii ilaallachuuf qaban maal akka ta’e xiinxalamee adda ba’eera. Sadarkaa milkii ilaallachuun yeroo ammaa irra jirus xiinxallii geggeeffameen adda ba’eera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA HIIKA MALLATTOOLEE MILKII ILAALLACHUU: GODINA WALLAGGA LIXAA, AANAA GIMBII en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account