Abstract:
Qorannoon kun qabiyyee ogafaanii kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo Sadarkaa
Lammaffaafi Qophaa’inaa keessatti argaman qaaccessuu irratti kan fuulleffateedha. Ka’umsi
qorannichaas qabiyyeewwan ogafaanii kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo sadarkaa
lammaffaafi qophaa’inaa keessatti argaman akkuma jireenya hawaasaa biroo keessatti faayidaa
guddaa qaban barnoota afaanii keessatti gumaacha guddaa qabaachuu addaan baasuun
ibsuudha. Kaayyolee gooreen qorannichaas gosoota ogafaanii kitaabilee kanneen keessatti
argaman addaan baasuu, qabiyyeefi faayidaa qabiyyeewwan akkasumas hanqinoota dhiyaatina
isaaniin walqabatee kitaabilee kanneen keessatti mul’atan addaan baasuun qaaccessuudha.
Qorataan mala xiinxala qabiyyeetti dhimma bahuudhaan ogafaan kitaabilee kanneen keessaa
funaanaman barreeffamaan qaaccesseera. Odeeffannoowwan kitabilee barataa barnoota Afaan
Oromoo filataman kanneen keessaa funaannachuuf immoo malli funaansa ragaa sakatta’a
kitaabaa hojiirra oolee jira. Maddi odeeffannoos kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo
sadarkaa lammaffaafi qophaa’inaati. Ragaalee mala sakatta’a kitaabaatiin madda ragaa kana
irraa funaanaman qoqqoodamuun ergaan qaacceffamee dhiyaateera. Ragaalee kanneen irraa
ka’uun argannoowwan akka qabiyyeewwan ogafaanii kitaabilee filataman kanneen keessatti
argaman bifa walfakkataan dhiyaachuu dhabuu, yoomessi isaa ibsamuun qabiyyeen
qoqqoodamee akka hindhiyaanne, bal’inaan fakkiilee garagaraan akka hindeeggaramnee fi
dandeettiiwwan afaaniitiif xiyyeeffannoo walqixa akka hinkennine bira gahamee jira. Rakkoolee
heeraman kanneeniif immoo kitaabilee kanneen keessatti qoqqoodamiinsi qabiyyee ogafaanii
bifa walfakkaataan osoo dhiyaatee, warreen kitaabilee kanneen qopheessuuf carraa argatan
gooroowwan ogafaanii bal’inaan hammachiisuun osoo qopheesanii, yoomessi qabiyyeewwan
kanneenii osoo ibsamee, ogafaan kunneen baay’inaan fakkiin deeggaramanii osoo dhiyaatanii
gaarii ta’a kan jedhu yaboo qorannoo kanaa jalatti ibsamanii jiru.