Abstract:
Qorannoon kun mata duree‘Qaaccessa Tajaajilaalee Ogafaanii Dandeettiiwwan Afaanii Barsiisuu,Kitaabilee Barnootaa Afaan Oromoo Sadarkaa Qophaa’inaa Irratti Xiyyeeffachuun’ jedhu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa tajaajila ogafaanotni kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaalee lamaan keessatti dhiyaatan dandeettiiwwan ijoo afaanii arfan barsiisuu keessatti qaban xiinxaluu irratti kan xiyyeeffate. Kitaabileen barnootaa filataman kunneen bara 2005/2012 kanneen qophaa’anii hanga ammaatti tajaajila kennaa jiran yoota’u, fayidaalee dandeettii ogummaa isaanii xiinxaluun barbaachissaadha. Qorannoon kun mala akkamtaatti gargaaramuun kan gaggeeffame yoo ta’u, qaaccessi ibsaa ragaalee xiinxaluu keessatti dhimma bahameera. Iddattoon qorannoo kanaa kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi 12ffaati. Meeshaan funaansa ragaalee sakatta’a kitaabaati. Ragaaleen funaannamanis mala akkamataatti dhimma bahuun xiinxalamaniiru. Haala kanaan kitaabilee ibsaman keessatti gosoonni ogafaanii argaman durdurii, mammaaksota, geerarsa, faaruu, sirboota, baacoo, ciigoo, malleen dubbiifi jechammota. Akkuma kana sakatta’a taasifameen ogafaanonni kitaabicha keessatti dhiyaatan dandeettiiwwan afaanii barsiisuu keessaan dhimmoota gorsuu, onnachisuu, jaalala biyyaa, itti fayyadama ogummaa shaakalchisuuf dhiyaachuu isaanii sakatta’a taasifame irraa hubachuun danda’ameera.Akkasumas,ogafaanonni dhiyaatan baay’een isaanii irra caalatti dandeettiiwwan afran keessaa dhaggeeffachuufi dubbachuu kan shakalchisuuf dhiyaatan ta’uu ajajootaafi gaffiiwwan ogafaanota keessaa bahaniin hubachuun danda’amera. Kanamalees, ogafaanonni barnoota afaanii keessatti faayidaa akkuma qaban hanqinoota tokko tokkos niqabu. Akka kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaalee lamaanitti hanqinoonni mul’atan, qabiyyeen ogafaanotaa bal’achuun wayitii barnootaaf kenname waliin wal simuu dhabuufi jechoota haaraa ogafaanota dhiyaatan keessatti argamaniif hiikni kannamuu dhabuun akka hanqinotaatti kan muul’atan ta’uu isaanii qoratichi muuxxannoo qabuufi sakatta’a taasiseen adda baasuun kaa’era. Dhumarrattis sakatta’i godhame akka mul’isutti ogafaanonni boqonnaalee kitaabileen kunneen qaban keessatti faca’anii argaman lakkoofsan xiqqaadha. Kanaafis, ogafaanotni gosa adda addaa dandeettiiwwanniifi dhimmoota hawaasummaa barsiisuu danda’an baay’inaan osoo dhiyaataniifi hanqinoota gama qabiyyeen isaanii bal’achuutinis mul’atan furmaatni osoo itti kennamee yaada jedhu yaaboo jalatti dhiyaassuun goolabameera.