Abstract:
Qorannoon kun mata duree “Xiinxala Qabiyyee Faaruu Baye-Bayee: Godina Arsii Lixaa, Aanaa Qoree” jedhu irratti kan gaggeeffameedha. Ka’umsi Qorannoo kanaas, faaruun baye-bayee safuufi haala jiruufi jireenya hawaasaa barsiisu yeroo ammaa sababoota adda addaa irraa kan ka’e dagatamaa jiraachuu isaati. Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyeewwan faaruu baye-bayee Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree Xiinxaluun barreeffamatti jijjiiruun kaa’uudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf qorataan mala qorannoo akkamtaa fayyadamee jira. Maddi ragaa qorannoo kanaaf odeeffannoon irraa funaanname madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaadha. Iddattoon waa’ee faaruu baye-bayee irratti beekumsaafi hubannoo qaban mala iddetteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu darbaa dabarsatti gargaaramuun filatamaniiru. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisu funaannachuuf meeshaalee odeeffannoon ittiin funaannamu keessaa afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta’a harshammeetti dhimma bahameera. Qaaccessa ragaa ilaalchisee odeeffannoon odeefkennitoota irraa funaanname qabiyyee isaaniitiin qoqqooduun qaacceffamaniiru. Qaaccessa kana irraa faaruun baye-bayee qabiyyeewwan garagaraa kanneen akka haadhaafi abbatti nagaha dhaamuu, hiriyyaa, firaafi gosa ofii faarsuu, geegawoo gaafachuu, fira du’e yaadachuu, kan jirutti nagaha dhaamachuu, dubbataa/ keetticha arrabrsuu, gurbaa fuudhu, gosaafi warra gurbaa fuudhuu arrabsuufi kan kana fakkaatan kan of keessaa qabuufi yeroo ammaa kana sababa dhiibbaa amantiifi saayinsiifi teekinooloojii irraa kan ka’e dagatamaa jiraachuun hubatamee jira. Dhumarratti, qaamni dhimmi ilaallatu keessattuu waajjirri Aadaafi Turiizimii Aanaa Qoree faaruu baye-bayee akkaataa qabiyyee isaanitiin walitti qabee barreeffamatti jijjiiruun dhaloota dhufuuf osoo kaa’ee, faaruun kun dhimmoota hawaasummaafi diinagdee hawaasichaa ibsuu keessatti gahee ol’aanaa waan qabuuf hawaasni qabeenya isaa kana kunuunsuun osoo itti fufsiisee gaariidha. Kana malees, dubartoonni guyyaa cidha isaanii faaruu baye-bayee kana faarfachuun itti fufiinsa afoolichaatiif gahee isaanii osoo bahanii, gaggeessitoonni yookiin abbootiin amantii garaagarummaa afoolaafi amantii gidduu jiru hawaasa barsiisuun dhiibbaa karaa amantiin faaruu baye-bayee irra gahu hambisuu osoo yaalanii kan jedhu akka yaada furmaataatti kaa’amanii jiru.