XIINXALA MEESHAALEE AADAA MIIDHAGINAA OROMOO HARARGEE AANAA HABROO

Show simple item record

dc.contributor.author Dayyaas Godoo, Dirribaa
dc.contributor.author Amaan, Dr. Jeeylaan
dc.contributor.author Abdoo, Muhaammad
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:24:36Z
dc.date.available 2018-01-28T17:24:36Z
dc.date.issued 2019-08
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2513
dc.description 86p. en_US
dc.description.abstract Qorannoo kun Xiinxala Meeshaalee Aadaa Miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo ibsuu irratti xiyyeeffata. Kanumaan walqabatee, hanga ammaatti qorannoon meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargeerratti gaggeeffame bal’inaan hinjiru. Yeroo ammaa aadaan kun dhaloota ammaan dagatamuu haala dandaa’u keessa jira. Kanumarraa ka’uun qorataan meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo sakatta’uuf murteesse. Kaayyoon qorannoo kanaa meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo sakatta’uun ibsuudha. Kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaan hojiirra oolaniiru. Malli xiinxala ragaalee qorannichi hojii irra ittiin oole mala akkamtaani. Kunis, ragaaleen funanaman jechaafi mitilakkoofsaan ta’uu isaanii irraati. Akka waliigalaattis, oomishniifi akkaataan itti fayyadaminsa meeshaaleen aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo keessatti yeroo ammaa kana akka duraanii kan hinmul’anne ta’uufi dhaloota haarayaatiin salphaatti irraanfatamuu danda’uun isaa kan hubatamedha. Akkasumas, meeshaalee alaagalteen bakka buusamaa jiraachuun isaanii akka argannoo qorannoo kanaatti kan mul’atedha. Argannoowwan qorannicha,keessatti tuqaman (mul’atan) irratti hundaa’uun, itti fayyadama meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee akka hinbadneef Waajjirri Aadaafi Turiizimii Aanaa Habroo gandoota aanicha keessatti argaman hundarratti gadi bu’uun hawaasni aadaa isaa kana akka gabbifatu,kunuunfatuufi dhala isaatiif dabarsuu dandahu hubannoon uumamuun dirqama sabummaa akka tahe bu’aa qorannichaan ibsameera. Gama biroon, akka Aanaa Habrootti Magaalaa Galamsootti godambaa ijaaruun cinaatti meeshaalee aadaa gosa isaaniitiin qooduun kaa’uufi qorannoo gadi fagoo irratti taasisuun barbaachisaa tahuun yaada furmaataati. Haaluma walfakkaatuun ogeessota meeshaalee aadaa miidhaginaa oomishaniif deeggarsi barbachisu gama Waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Habroon taasisamuun akka gabaatti dhiyeessanii madda galii argatan taasisuun kan ibsamedha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title XIINXALA MEESHAALEE AADAA MIIDHAGINAA OROMOO HARARGEE AANAA HABROO en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account