QABIYYEE FI GAHEE GEERARSI OROMOO MISOOMA QONNAA KEESSATTI QABU:GODINA WALLAGGA BAHAA AANAA KIIRAMUU

Show simple item record

dc.contributor.author Dhugaasaa Akkasaa, Fayyeeraa
dc.contributor.author Baldaa, Fiqaaduu
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:26:27Z
dc.date.available 2018-01-28T17:26:27Z
dc.date.issued 2019-07
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2515
dc.description 72p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun “ Gahee geerarsi misooma qonnaa keessaatti qabu qaacceessuu ” irratti kan gaggeeffame yoo ta’u, bakki itti gaggeeffame, Godina Wallaga Bahaa, Aanaa kiiramuti. Ka’umsi Qorannoo kanaas, Geerarsi gahee inni misooma qonnaa keessatti qabu dagatamuufi hawaasa haala jiruufi jireenyaa barsiisuu keessatti yeroo ammaa kana laafuu isaati. , kaayyoon qoranichaa galmaan ga’uuf maddi ragaa qorannoo kanaaf odeeffannoon irraa funaaname madda raga tokkoffaa yemmuu ta’u, isaanis,maanguddootaafi kanneen waa’ee geerarsa kanaa gadifageenyaan beekanidha. Iddattolenis mala iddatteessuu miti carraa keessaa iddetteessuu akkaayyoo fi darbaa dabarsa gargaaramuun filatamaniiru. Meeshaa funaansa ragaalee kanneen akka, afgaaffii,daawwannaafi marii gareetiin dhimma bahuun funaanamera. Kunis akkaataa geerarsi misooma qonnaa keessatti gahee taphatu, geerarsi miira akkamii nama keessatti uumuun akka namoota hojiitti cimsu, kanneen hojii hin jaallanne immoo haala akkamiin akka hojiitti kakaasuu fi yoomessa akkamii keessatti geerarsi akka geeraramu fi geerarsoota qabiyyee adda addaa dhimma misooma qonnaa waliin walqabatanii ergaa gara garaa dabarsan walitti qabamuun qacceffamaniiru. Dabalataanis, yeroo ammaa kana geerarsi dhimma misoomaa ilaalchisee geeraramu maal irra akka jiru odeeffannoo walitti qabame irraa hubachuun danda’ameera. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti, geerarsi afwalaloofi yeedaloon dhiyaate, falaasama hawaasichaa ni mul’isa; tokkummaa hawaasaa ni cimsa; safuu hawaasichaa ni barsiisa, hojiif nama kakaasuun jijjiirama amalaa ni fida; Akkasumas; geerarsi hanqina ofii fooyyeffachuu, jireenya injifachuu, walqeequuf, amala gadhee dhuunfaan mul’atu to’achuuf qooda guddaa qaba.geerarsi kanaafi kan kana fakkaataniif waan gargaaruuf egaa geerarsa akka duriitti deebisuun yoo dadhabamellee, qoratanii barreeffamaan ol kaa’uun hawaasichi akka irraa baratu gochuun barbaachisaadha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QABIYYEE FI GAHEE GEERARSI OROMOO MISOOMA QONNAA KEESSATTI QABU:GODINA WALLAGGA BAHAA AANAA KIIRAMUU en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account