QAACCESSA ERGAA SIRBA GUBAA XOMBORAA: GODINA HORROO GUDURUU, AANAA JARDAGAA JAARTEE IRRATTI XIYYEEFFATA.

Show simple item record

dc.contributor.author Waaqoo Ayyaanaa, Fayyeeraa
dc.contributor.author Amaan (PhD), Jeeyilaan
dc.contributor.author Bayyanaa(PhD), Imaanaa
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:28:33Z
dc.date.available 2018-01-28T17:28:33Z
dc.date.issued 2019-07
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2516
dc.description 81p. en_US
dc.description.abstract Ka’umsi qorannoo kanaa hir’achaa dhufuu sirba gubaa xomboraafi sirna barnootaa keessatti xiyyeeffannon dhabuudha.Kaayyoon qorannoo kanaa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatedha. Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa yoota’u, tooftaalee iddattiissuu miti carraa keessaa tokko kan ta’e iddatteessuu akkayyootti fayyadame. Meeshaaleen funaansa ragaaf hojiirra oolan afgaaffii, marii gareefi harshammee sakatta’uuni.Ragaaleen mala kanaan walitti qabaman immoo, gosa qorannoo ibsaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru. Adeemsota kana hordofuun odeeffannoo wal duraa boodaan qaacceffamanii dhiyaataniiru. Odeeffattoota irraa sirboota gubaa xomboraa funaanuun ergaansaa, faayidaa inni uummatichaaf qabu, jala bultiitii hanga xumura isaatti qaacceffamaniiru. Sirboonni gubaa duraafi gubaa booda sirbaman ergaa isaan dabarsan adda addatti ilaalamaniiru.Sirboota kanaas,kan sirba shamarran sirbaniiifi kan dargaggoonni sirban adda addaan qaacceffamaniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsutti: sirbi gubaa xombora falaasama uummatichaa calaqqisiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu, hariiroo uummataa cimsuu, safuufi duudhaa uummatichaa eegsisuuf gahee olaanaa qaba.Sirboota kana keessa kan jiran immoo, kan warri dhiirotaa sirbaniifi kan warri shamarranii sirban jechuun bakka lamatti qoodamuun ilaalamaniiru. Akkasumas, sirboonni gubaa dura sirbaman haala sirba kana itti sirbuuf karoorfatan marii’achuu,walitti dhufeenya cimsuu,jala butii siba xomboraafatu sirba.Kana malees siboonni gubaa booda sirbaman immoo, sirba dabetti nagaa dhaammachuufi isa dhufu haala kamiin akka simatan sirbu. Kana malees, hubannoofi ilaalchi dhaloonni sirba kanaaf qaban laafaa ta’uusaa qorannoon kun mul’isa. Kanaaf, akka yaada furmaataatti fayyada jedhee qoratichi lafa kaa’e, safuu, aadaa, duudhaa hawaasichaa eegsisuuf maatiifi Waajjirri Aadaafi Turiizimmii irratti hojjechuu qabu. Kana malees, sirba warri shamarranii sirbaniifi kan warri dhiiraa sirban qoqqoodanii kaa’uufi ergaa isaa labata dhufu hubachiisuuf maatiin, manni barumsaa, maanguddoonni irratti hojjechuun gaariidha. Akkasumas, hubannoofi ilaalcha dhaloonni ammaa sirbichaaf qaban cimsuuf akkasuma, Aadaafi Turiizimiin, manni barumsaa, maatiin ijoollee isaanii nuffii tokko malee irratti yoo hojjetan furmaanni dhufuu danda’a. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.title QAACCESSA ERGAA SIRBA GUBAA XOMBORAA: GODINA HORROO GUDURUU, AANAA JARDAGAA JAARTEE IRRATTI XIYYEEFFATA. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account