FAAYIDAA SHEEKKOO KITAABILEE BARATAA KEESSATTI: QABIYYEE BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 1FFAAHANGA 4FFAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN

Show simple item record

dc.contributor.author Kabbadaa Laggasaa, Lamlam
dc.contributor.author Bayyanaafi, Dr. Imaanaa
dc.contributor.author Baldaaf, Fiqaaduu
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:34:39Z
dc.date.available 2018-01-28T17:34:39Z
dc.date.issued 2019-09
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2521
dc.description 64p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun, faayidaa sheekkoo kitaaba barataa keessatti: qabiyyee barnoota afaan oromoo kutaa 1ffaa–4ffaabarsiisuu keessatti qabu irratti xiyyeefachuun ibsuudha. Kaayyoon gooroo qorannichaafaayidaa sheekkoon qabiyyee barnoota Afaan Oromookutaa 1-4 barsiisuurratti xiyeeffachuunibsuu, yoo ta’u; kaayyoo kana galmaan gahuuf, qorattuun,mala qorannoo makoo /akkamtaafi ammamtaatti/dhimma baatee, mala qorannoo akkamtaafi ammamtaatiin ibsiteetti. Maddi ragaa qorannichaas, madda raga tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati.Tooftaan idaattessuu ammoo, idaattessuu miti-carraa yoo ta’u, gosa iddatteessuu kanneen keessaa iddatteessuun dhimma itti bahame idaattessuu akkaayyooti. Meeshaan ragaaleen ittiin funaanamee mala bar-gaaffiirrati xiyyeeffata. Akka madda ragaa tokkoffaatti namoonni ragaa irraa funaaname, barsiisota barnootaa Afaan Oromoo kutaa 1-4 barsiisaniifi hubannoo gad-fageenyaa qabu jedhamee itti amanamurrati.Maddi ragaa lammaffaan immoo, sakatta’a harshammeerraa kan argamedha. Innis: faayidaa sheekkoo kitaaba Afaan Oromookutaa 1-4 bara 2005 - 2010ALH maxxanfaman sakatta’uun funaanameera.Haaluma kanaan xiinxala ragaalee taasifameen, argannoowwan garaa garaa tarreefamaniiru. Isaanis: sheekkoon kitaaba Afaan Oromoo kutaa 1ffaa hanga 4ffaa keessaa funaanaman, faayidaafi ergaa isaaniitiin ibsi itti kennameera. Akkasumaas, daandeettiiwwan bu’uuraa afaanii gurguddoo afran galmaan gahuuf, jechootaafi seerluga, sonoota hawaasa keessa jiranu, ergaawwan sheekkoo kitaabbilee sana keessa jiran barsiisuuf bu’aan isaanii olaanaa ta’uyyuu, akka kitaabichi ajajutti hojiirra oolmaan sheekkoo kanneenii laafinna qabaachuun nimul’ata. Kunis, sheekkoowwan kitaaba barataa keessaatti ramadameefi xiyyeeffannoo kennuu dhabuu barattootaafi barsiisotaarraa ka’eeti.Dimshaashumatti rakkoolee kanneeniif immoo, waytii barnootaa cinatti barattooni akka shaakalaniifi ogeeyyiin kitaabaa: barsiisaafi barataa qopheessan, gama hundaanuu xiyyeeffannoo osoo taasisani; sheekkoon yoomessa dhaabbataa waan hinqabneef, barsiisonni bira darbuu baatanii sirriitti osoo irratti xiyyeefatanii filatamaadhaa kan jedhu argannoofi yaada furmaataa keessatti eramaniiru. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title FAAYIDAA SHEEKKOO KITAABILEE BARATAA KEESSATTI: QABIYYEE BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 1FFAAHANGA 4FFAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account