Abstract:
Qorannoon kun walaloo asoosamoota Suuraa Abdiifi Kudhaama Jaalalaa keessatti argaman qaaccessuurratti xiyyeeffate. Kaayyooleen gooree qorannoo kanaa: ittifayyadama malleen dubbii walaloowwan keessa jiranii addeessuu, qabiyyee walaloowwanii addaan baasuu, ergaalee walaloowwanii ibsuu akkasumas faayidaa walaloowwan galumsa keessatti qaban tarreessuu kanneen jedhaniidha. Qorannoon kun qorannoo bu’uuraa yoo ta’u, mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsi kanirratti kennameedha. Odeeffannoon mala sakata’iinsa kitaabaatiin kan funaaname yoo ta’u, walaloowwan kitaabolee kanneen keessatti argamanirratti kan raawwatameedha. Walaloowwan funaanaman kanneen qaaccessuun ittifayyadamni malleen dubbii addeeffamee, qabiyyeewwan isaanii addaan bafamee, ergaawwan isaan galumsa asoosamoota kanneenii keessatti qaban ibsamee akkasumas faayidaalee isaan galumsa asoosamichaa keessatti qaban tarreeffamee jira. Ragaalee qaacceffamanirratti hundaa’uun argannoon qorannichaa: malleen dubbii walaloowwan keessatti dhimma ittibahaman kanneen akka akkasaa, iddeessaa, nameessaa, arbeessaa, eemmitii, atee yookaan appoostiroofiifi fuggisoo ta’uusaaniitu addaan baafame, walaloowwan asoosamoota lamaanuu keessatti qabiyyeewwan dhiyaatan muraasni yoo walfakkaatan, hedduun isaanii tokko miti. Qabiyyeen walaloo asoosamoota kanneen keessatti argamanii dhimmoota hawaasaa kanneen akka obsa, abdii kutannaa, taajjabbii, carraaqqii, hawwii, jaalala, seenaa, amantaa, falaasama, dinagdeefi siyaasni jiraachuun isaanii hubatameera. Walaloowwan asoosamoota kanneen keessatti argaman aadaafi duudhaa, seenaa madda Oromoo, safuu, amantaafi faalasama ummanni Oromoo qabu bifa walaloo seeneffamaatiiniifi walaloo diraamaatiin akkasumas malleen dubbii garaagaraa walaloowwan keessatti gargaaramuun dhaloota har’aa barsiisuufi gorsuu keessatti bu’uura buusaniiru. Haata’u malee, qabiyyeen walaloo asoosama Suuraa Abdii keessatti barsiifame hanqina qabaachuun isaa hubatameera. Walaloon asoosama Suuraa Abdii keessatti argamu jechoota xabboofi aslii kan hiikaafi ergaa bal’aa qaban fayyadamuun ergaa cimaa yoo dabarsu, kan Kudhaama Jaalalaa jechoota si’anaatti gargaaramuun ergaa dabarse. Dhumarratti, barreessitootni kitaaba asoosamaafi kanneen biroo barreessuun dura seenaa saba tokkoo gadifageenyaan qorachuun barbaachisaa ta’uu, hayyootni afaaniifi ogumaa dhimmoota bal’aa ogumaafi saayinsii ogumaarratti kitaabilee utuu barreessanii barreessitootaaf ka’umsa ta’uu akka danda’u, giddugalli qeeqa oguma Oromoo waan barreeffame madaalee kan hanqate itti guutee akka maxxanfamu taassisu utuu jiraatee gaarii ta’uu, walaloo asoosamoota keessatti galchanii ta’iinsotaafi seenaa asoosamootaa ittiin ijaaruun qabiyyeen asoosamaa akka hinirraanfatamne waan gochuu danda’uuf akka jajjabeeffamuu qabu yaada furmaataa keessatti ibsamaniiru.