dc.description.abstract |
Maqaan jecha namniifi waantonni dhuunfaafi gareen ittiin waamaman. Dhalli namaa maqaa akkuma aadaa isaatti moggaafata. Oromoonis, maqaa dhuunfaa dhalasaaf akka aadaasaatti moggaasaafii ture. Haata’u malee, sababa dhiibbaalee siyaasaafi amantiilee irra kan ka’e, akka duriitti dhalasaaf maqaa moggaasuun laafaa dhufeera. Kanaaf, qorannoon kun adeemsa moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoorra dhiibbaalee siyaasaafi amantiileen gahan xiinxaluu irratti xiyyeeffate. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis, qorannoon kun gosa qorannoo Akkamtaa kan ta’e, mala qorannoo ibsaan dhiyaate. Ragaaleen qorannichaas, kan argaman madda ragaa tokkoffaafi lammaffaarraa ta’ee, madden kunneen kan filataman mala iddatteessuu miti carraa kaayyeffataafi darbaa dabarsaatini. Maddeen kanarraa ragaan kan walitti qabame afgaaffii, marii gareefi sakatta’a arshammeetini. Qoranichi kan hojjatames, yaadiddama moggaasa maqaa (Onomastically oriented theories) jedhamuuni. Ragaaleenis kan xiinxalaman, mata-dureetti qooduuni. Xiinxala ragaalee kanarraas, dhiiraaf gaafa bulii shanaffaa ganama abbaan buna-qalaa, dhodhoobboo, baddeessa, baala urgeessaafi marga qabatee, ijoollee lama of cina teessisee, Waaqa kadhatee, ilma eebbifatee, laggeen/ tulluuwwan sadii maqaa dhahee, booda ilma koo maqaa ebelu jechuun kan moggaafatu ta’uunsaa irra gahameera. Dabalees, moggaasa maqaa Oromoorra dhiibbaaleen siyaasaafi amantiilee akka dhala Oromoof maqaalee afaaniifi amantiileen walqabatan moggaasuu, maqaa Oromoo gadi xiqqeessuun jibbisiisuu, dhala Oromoo carraa barnootaafi hojii dhorkachuu gahuun adda bahaniiru. Dhiibbaaleenis, miidhaalee akka maqaan Oromoo, adeemsi moggaasa maqaa, meeshaaleeniifi sirni moggaasa maqaa Oromoo dhaloota ammaattiin irraanfatamuu, qorannoo kanaan beebamaniiru. Miidhaan moggaasa maqaa Oromoorra gahaan, jijjiiramoota akka qaamoleen maqaa moggaasan (qaaluun) lubootaafi sheekotaan bakka bu’amuu, maqaaleen Oromoo gara maqaalee afaaniifi amantiileen walqabataniitti jijjiiramuufaa akka itti fide, xiinxala ragaa taasifameen mirkanaa’eera. Dhiibaalee siyaasaafi amantiileen moggaasa maqaa dhuunfaa Oromoorra gahan xiqqeessuuf, mootummaan Naannoo Oromiyaa Afaan Oromoo afaan hojii Mootummaa Giddu-galeessaa akka ta’uuf, osoo ciminaan hojjatee gaariidha. |
en_US |