HAALA DHIYEESSA CAASAALEE DHAAMSAGAA -HIMAATTI JIRAN: KITAABAA KUTAALEE 11FFAAFI 12FFAA KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Nagaash Malataa, Tashoomee
dc.contributor.author Abdoo, Mommaad
dc.contributor.author Bayyanaa (PhD), Imaanaa
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:14:25Z
dc.date.available 2018-01-28T16:14:25Z
dc.date.issued 2019-08
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2562
dc.description 65p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Haala Dhiyeessa Caasaalee Dhaamsagaa –Himaatti Jirani Kitaaba Kutaalee 11ffaafi 112ffaa Keessatti kanneen bara 2005'n qophaa'e sakatta'uudha. Qorannichaaf wanti ka'umsa ta'e hanqina Haala Dhiyeessa Caasaalee olitti heeraman Keessatti dogoora gama dhiyaannaan mul'atan adda baasuufi furmaata ka'uudha. Qorataanis, yeroo Afaan Oromoo barachaa ture Haala Dhiyeessa Caasaalee kanneen duraan irratti gaaffiilee qorataan kaasaa ture. Yeroo qorataan afaanicha barsiisaa jiru kanattis deebii argachuu dhabuu isaaniiti. Qorataan hanqinoota haala dhiyeessa xiinqooqaa addaan baasee yaada furmaataa kennuuf. Qorannichis, gosa qorannoo ibsaatiin kan dhiyaate ta’ee, mala akkamtaan ibsameera. Akkasumas, kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaafi silabasii barnoota Afaan Oromoo kutaalee 11ffaafi 12ffaa akka iddattootti, mala iddateessuu miti carraa keessaa iddatteessuu akkayyoo fayyadameera. Malleen odeeffannoon ittiin funaaname sakatta’iinsa harshammeen: kitaaba barataa irratti taasifameedha. Odeeffannoon sakatta’insa meeshaaleen argame, mala akkamtaan qaacceeffamanii jiru. Qabiyyeen Caasaalee Dhaamsagaa –Himaatti Jirani kitaaba barattootaa kutaalee 11ffaafi 12ffaa keessatti dhiyaate haala dhiyeessaa bu'aan kan dhiyaate yemmuu ta'u, qabiyyeen xiinqooqaa dhiyaates, kitaaba barattootaa keessatti mala seerluga barsiisuu keessaa mala gadbuusoodha. Dabalataanis, haalli dhiyeessa qabiyyee Caasaalee dhaamsagaa-himaatti Afaan Oromoo kitaaba barattootaa kutaalee 11ffaafi 12ffaa akka ciminaatti shaakala keessatti bakka uumama sagalee dubbifamaafi dubbachiiftuu fakkii deggeree dhiyeessuu isaa yemmuu ta'u, hanqinoota kanneen akka tartiibaa, irradeddeebbii, mijaa'inaa, giddu galeessummaa, sirrummaa fi mala seerluga barsiisuu keessaa gabbisootti fayyadamuu akka qabu qorannoo kanaan mirkanaa'eera. Dabalataanis, qopheessitootni kitaaba barattootaafi qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi haala dhiyeessa qabiyyee xiinqooqa Afaan Oromoo qixa barbaachisaa ta'een akka barattootaafis mijatuufi seerluga Afaan Oromoos guddisuu danda'uun kitaabni barattootaa kutaa 11ffaafi 12ffaa akka qophaa'uuf irratti hojjechuu akka qaban lafa kaa'eera. Haalli dhiyeessa Caasaalee dhaamsagaa-himaatti yaada salphaarraa gara cimaatti akka hin dhiyaatiin bira ga’ameera. Kanneen Kitaaba Barataa, Qajeelcha Barsiisaafi Silabasii barnootaa qopheessan haala dhiyeessa qabiyyee Caasaalee dhaamsagaa-himaatti barnootaa Afaan Oromoo haala dhiyeessa adda addaan qopheessuutu irraa eegama. Kitaaba barataa keessatti qabiyyee of danda'e ta'ee osoo dhiyaatee gaariidha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title HAALA DHIYEESSA CAASAALEE DHAAMSAGAA -HIMAATTI JIRAN: KITAABAA KUTAALEE 11FFAAFI 12FFAA KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account