Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa faaruu ateetee goraa hawaasa Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa biratti duudhaa faaruu ateetee goraatiin tokkummaafi birmadummaa mirga dubartootaa kabachiisaa darbaa dabarsaan as gahee dhaloota ammaatiin dagatamaa jiran hawaasa keessaa sakatta’uun qaaccessee dhaloonni ammaa akka irraa hubatanii, beekanii eeggatan, barreeffamatti jijjiiruun olkaa’uudha. Qorataan qorannoo kana akka geggeessuuf kan kakaase, firiiwwan fookiloorii kan hin tuqamneefi xiyyeeffannoo hin argatinii kan dhaloota ammaatiin dagatamaa jiru keessaa faaruu ateetee goraa Ilaalcha Oromoo Arsii Kokkossaa bu’uureffata. Faayidaa, maalummaafi qabiyyeewwan faaruu ateetee goraa isa ganamaa dagatamaa dhufaa jiran ummata Oromootiif ifa baasuudhaMalli qorannichaa mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u, tooftaalee iddatteessu darbaa dabarsaatti fayyadamuun qorannichi gaggeeffameera. Malleen funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirra oolan: bifa gaafiifi deebii, daawwannaa, sakatta’a harshammee fi marii garee qayyabannaa fa’a. Ragaaleen maloota kanaan walitti qabaman ammoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qabiyyeen qoqqoodamanii qaacceffamaniiru. Qorrannoon kun, faayidaa faaruun ateetee goraa, isa ganamaa dagatamaa jiran dhaloota ammaatiif ifa baaseera. Kana malees dubbataan, seera faaruu ateetee goraa keessatti, saddeeta gama lamaanii keessattu gocha guddeeddii woyyuu irratti raawwatameen walqabatee cimeessa badduu baasu malee, namni arge baasuu akka hin dandeenye qorannoo kanaan kan bira gahame ta’uu, meeshaaleen aadaa faaruu ateetee goraa waliin deeman kanneen akka siinqee, keessattuu qanafaa, hanfalaafi kornyeen fa’a dhabamaa dhufuun bira gahameera. Yaanni furmaata qoratan kun kaa’e dhimmamtootni hawaasa keessa jiraatan keessattuu ogeeyyiin Waajjira Aadaafi Turizimii, barsiisonnifi qaamni baratee quuqama aadaa kanaaf qabu, haawwoleefi manguddoota buleeyyi afoola kanaan beekkumsaa fi muuxannoo qaban irraa, funaanuun qaaccessanii barreefamatti jijjiiruun God-hambaa keessa ka’uufi mana barumsaatti barattoonni gumii guddinaa fi dagaagina aadaa fi Afaan Oromoo keessatti osoo itti tajaajilamanii faayidaa fi qabiyyee isaa beekanii eeguun, dhaloota egereetiif bu’uura ta’a. Kana malees dubartoonni fi manguddoonni qarooma kana yeroo dheeraa keessa turan ykn jiraatan qaaccessa faaruu ateetee goraafi meeshaalee faaruu ateetee goraa kanaan walqabatan ilmaan isaanii dhaalchisuun duudhaa boonsaa kana dhalootatti dabarsuu akka qaban yaada waliigalaa yaboo qorannoo kanaatiin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufii qabu qorataan kallattii kaa’eera.