QAACCEESSA MAMMAAKSOTA OROMOO GAARUMMAA DUBARTOOTAA IBSAN: AANAA HARAMAAYAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Show simple item record

dc.contributor.author Mashaallaatiin, Zeynabaa
dc.contributor.author Amaan (PhD), Jeeyilaan
dc.contributor.author Abdoo, Mahammad
dc.date.accessioned 2018-01-28T16:19:55Z
dc.date.available 2018-01-28T16:19:55Z
dc.date.issued 2019-08
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/2566
dc.description 78p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree qaaccessa mammaaksota Oromoo gaarummaa dubartootaa ibsan aanaa Haramaayaa irratti kan xiyyeeffate. Kaayyoo gooroo qorannoo kanaas, mammaaksota Oromoo gaarummaa dubartootaa ibsan qaaccessuudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa waan ta’eef, mala ibsaatiin ergaafi qabiyyeen qoqqoodamuun kan ibsamedha. Maddi ragaa qorannichaas, madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa ti. Maddi ragaa tokkoffaa, manguddoota Oromoo aanaa Haramaayaa waa’ee mammaaksa Oromoo beekanii fi hojjettoota Waajira Aadaaf Turizimiifi Dhimma Dubartootaarraa hojjetanidha. Maddi ragaa lammaffaan ammoo, sakatta’a harshammeeti. Innis, mammaaksota Oromoo Waajjira Aadaafi Turizimiitiin, hawaasa aanichaarraa walitti qabamedha. Meeshaan ragaaleen ittiin funaanamanis, afgaaffii, marii garee xiyyeeffateefi sakatta’a harshammeeti. Malli idaattessuu ammoo, idaattessuu miti carraa yoo ta’u, kanneen keessaa idaattessuu akkaayyoofi iddatteessuu darbaa dabarsaatti dhimma bahuun odeefkennitoonni qorannichaaf barbaachisan filamaniiru. Qaaccessa ragaalee taasifameen, argannoowwan argamanis, dubartoonnni dhimmoota hawaasummaafi siyaasdinagdee keessatti gaarummaa qabaachuu isaanii odeeffannoo qorannoo kanaaf walitti qabaman ragaa ba’anii jiru. Haaluma kanaan mammaaksota gaarummaa dubartootaa fayyadamuun hamilee dubartootaa jajjabeessuufi ilaalchota jiran jijjiiruu irratti gahee akka qabu ragaan odeekennitootarraa argame nimul’isa. Walumaagalatti, mammaaksi gaarummaa dubartootaa kun kallattii gara garaatiin faayidaa heddu buusuu waan danda’uuf qaama dhimmi ilaalu hundinuu gahee isaanirraa eegamu bahuun mammaaksota gaarummaa dubartootaa ibsan kana tursisuufis ta’ee, hawaasnis akka itti fayyadamuufi hubatu taasisuuf karaa filatamaa dha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCEESSA MAMMAAKSOTA OROMOO GAARUMMAA DUBARTOOTAA IBSAN: AANAA HARAMAAYAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account