QAACCESSA QABIYYEE OGAFAANII KITAABILEE BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO SADARKAA LAMMAFFAAFI QOPHAA’INAA KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Damee Moggaasaa, Caalaa
dc.date.accessioned 2021-03-22T02:52:43Z
dc.date.available 2021-03-22T02:52:43Z
dc.date.issued 2019-03
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3548
dc.description 112p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun qabiyyee ogafaanii kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo Sadarkaa Lammaffaafi Qophaa’inaa keessatti argaman qaaccessuu irratti kan fuulleffateedha. Ka’umsi qorannichaas qabiyyeewwan ogafaanii kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo sadarkaa lammaffaafi qophaa’inaa keessatti argaman akkuma jireenya hawaasaa biroo keessatti faayidaa guddaa qaban barnoota afaanii keessatti gumaacha guddaa qabaachuu addaan baasuun ibsuudha. Kaayyolee gooreen qorannichaas gosoota ogafaanii kitaabilee kanneen keessatti argaman addaan baasuu, qabiyyeefi faayidaa qabiyyeewwan akkasumas hanqinoota dhiyaatina isaaniin walqabatee kitaabilee kanneen keessatti mul’atan addaan baasuun qaaccessuudha. Qorataan mala xiinxala qabiyyeetti dhimma bahuudhaan ogafaan kitaabilee kanneen keessaa funaanaman barreeffamaan qaaccesseera. Odeeffannoowwan kitabilee barataa barnoota Afaan Oromoo filataman kanneen keessaa funaannachuuf immoo malli funaansa ragaa sakatta’a kitaabaa hojiirra oolee jira. Maddi odeeffannoos kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo sadarkaa lammaffaafi qophaa’inaati. Ragaalee mala sakatta’a kitaabaatiin madda ragaa kana irraa funaanaman qoqqoodamuun ergaan qaacceffamee dhiyaateera. Ragaalee kanneen irraa ka’uun argannoowwan akka qabiyyeewwan ogafaanii kitaabilee filataman kanneen keessatti argaman bifa walfakkataan dhiyaachuu dhabuu, yoomessi isaa ibsamuun qabiyyeen qoqqoodamee akka hindhiyaanne, bal’inaan fakkiilee garagaraan akka hindeeggaramnee fi dandeettiiwwan afaaniitiif xiyyeeffannoo walqixa akka hinkennine bira gahamee jira. Rakkoolee heeraman kanneeniif immoo kitaabilee kanneen keessatti qoqqoodamiinsi qabiyyee ogafaanii bifa walfakkaataan osoo dhiyaatee, warreen kitaabilee kanneen qopheessuuf carraa argatan gooroowwan ogafaanii bal’inaan hammachiisuun osoo qopheesanii, yoomessi qabiyyeewwan kanneenii osoo ibsamee, ogafaan kunneen baay’inaan fakkiin deeggaramanii osoo dhiyaatanii gaarii ta’a kan jedhu yaboo qorannoo kanaa jalatti ibsamanii jiru. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title QAACCESSA QABIYYEE OGAFAANII KITAABILEE BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO SADARKAA LAMMAFFAAFI QOPHAA’INAA KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account