dc.description.abstract |
Qorannoo kun Xiinxala Meeshaalee Aadaa Miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo ibsuu irratti xiyyeeffata. Kanumaan walqabatee, hanga ammaatti qorannoon meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargeerratti gaggeeffame bal’inaan hinjiru. Yeroo ammaa aadaan kun dhaloota ammaan dagatamuu haala dandaa’u keessa jira. Kanumarraa ka’uun qorataan meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo sakatta’uuf murteesse. Kaayyoon qorannoo kanaa meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo sakatta’uun ibsuudha. Kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaan hojiirra oolaniiru. Malli xiinxala ragaalee qorannichi hojii irra ittiin oole mala akkamtaani. Kunis, ragaaleen funanaman jechaafi mitilakkoofsaan ta’uu isaanii irraati. Akka waliigalaattis, oomishniifi akkaataan itti fayyadaminsa meeshaaleen aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee Aanaa Habroo keessatti yeroo ammaa kana akka duraanii kan hinmul’anne ta’uufi dhaloota haarayaatiin salphaatti irraanfatamuu danda’uun isaa kan hubatamedha. Akkasumas, meeshaalee alaagalteen bakka buusamaa jiraachuun isaanii akka argannoo qorannoo kanaatti kan mul’atedha. Argannoowwan qorannicha,keessatti tuqaman (mul’atan) irratti hundaa’uun, itti fayyadama meeshaalee aadaa miidhaginaa Oromoo Harargee akka hinbadneef Waajjirri Aadaafi Turiizimii Aanaa Habroo gandoota aanicha keessatti argaman hundarratti gadi bu’uun hawaasni aadaa isaa kana akka gabbifatu,kunuunfatuufi dhala isaatiif dabarsuu dandahu hubannoon uumamuun dirqama sabummaa akka tahe bu’aa qorannichaan ibsameera. Gama biroon, akka Aanaa Habrootti Magaalaa Galamsootti godambaa ijaaruun cinaatti meeshaalee aadaa gosa isaaniitiin qooduun kaa’uufi qorannoo gadi fagoo irratti taasisuun barbaachisaa tahuun yaada furmaataati. Haaluma walfakkaatuun ogeessota meeshaalee aadaa miidhaginaa oomishaniif deeggarsi barbachisu gama Waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Habroon taasisamuun akka gabaatti dhiyeessanii madda galii argatan taasisuun kan ibsamedha. |
en_US |