QAACCESSA QABIYYEE SIRBA GARMAAMAA MASQALAA: AANAA NOONNOO BEENJAA

Show simple item record

dc.contributor.author Zallaqee Woldemikaa’el, Mallasee
dc.date.accessioned 2021-03-22T02:58:21Z
dc.date.available 2021-03-22T02:58:21Z
dc.date.issued 2019-01
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3550
dc.description 73p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoo qorannoo kanaa qaaccessa qabiyyee sirba Garmaama Masqalaa Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa irratti kan gaggeeffamedha.Qorannoo kana akkan irratti gaggeessu wanti ka’umsa ta’e sirbi Garmaamaa Masqalaa bifa ho’aafi hawwataa ta’een hawaasicha keessatti sirbamaa ture yeroo ammaa kana sababoota garagaraatin laafaafi hafaa dhufuu isaati.Malli qorannoo kun itti gargaarame mala qorannoo ibsatidha. Malli iddattoo qorannoo kanaas mala iddeetteessuu kaayyeeffataafi darbaa dabarsiitti dhimma bahameera. Maddi ragaa tokkoffatti gargaaramuun odeeffannoo malleen ragaaleen ittiin funaanaman af-gaaffii,marii gareefi daawwannaa yeroo sirni kabaja ayyaana Masqalaafi sirbi garmaama Masqalaa kun itti sirbamutti argamuun daawwachuun cheeklistii gargaaramuun yaaddannoo qabachuun ragaan funaannameera. Kunis,ragaalee argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qindeessuun ibsuun bira gahamanii: Argannoowwan qorannoo kanaan bira ga’amanis:sirbi Garmaamaa Masqalaa ayyaana Masqalaa sababeeffachuun kan sirbamu ta’ee,qabiyyeewwan garagaraa kan of keessaa qabu ta’ee ergaa akka: jaalala ibsuu, hamilee gootaa kakaasuu, dabeeessa salphisuu,uumaa galateeffachuufi biyya farsuu of keessatti hammatu.Sirba garmaama Masqalaa keessatti dhimmoonni aadaafi duudhaale kanneen akka: Safuu hawaasa,aadaa fuudhaafi heerumaafi aadaa hawaasummaa keessatti mul’atan ta’uu isaati. Uummata Oromoofi farda gidduu hariiroon ture baay’ee cimaa kan tureedha. Kunis, diina loluufi daangaa biyyaa kabachiisuu keessatti gahee fardi qabu baay’ee olaanaadha.Kanaafuu, fardi loltuu tokko akka miseensa gadaa tokkootti lakka’amaa akka turedha. Sababootadhibbaa amantii,siyaasaafi dargaggoonni aadaa isaanii dagatanii aadaa ormaa irraa kan ka’e yeroo ammaa kana sirbi Garmaama Masqalaa Oromoo uummata aanichaa biratti irraanfatamaa jira. Walumaa galatti sirbi garamaa dhimmoota aadaafi duudhaalee hawaasaa akkasumas aadaa hawaasaa kunuunsuuf gahee ol-aanaa waan qabuuf,osoo qaamni fedhii dhimma kana qorachuuf qabu, wajjirri Aadaafi Turzimii, qorattoonni aadaafi hayoonni garagaraa gadfageenyaan qoratanii bifa barreeffaman taa’ee gaarii ta’a en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title QAACCESSA QABIYYEE SIRBA GARMAAMAA MASQALAA: AANAA NOONNOO BEENJAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account