XIINXALA TOOFTAALEE HIIKA JECHOOTAA BARSIISUU; KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO: KUTAA 11FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Show simple item record

dc.contributor.author bareechaa bayyanaa, Mul’ataa
dc.date.accessioned 2021-03-22T03:01:53Z
dc.date.available 2021-03-22T03:01:53Z
dc.date.issued 2019-01
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3551
dc.description 65p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon qorannoo kana dhiyaannaafi tooftaawwan hiika jechootaa Afaan Oromoo barsiisuu barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa hojiirra xiinxaluudha.Galma gahiinsa kaayyichaaf kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa kutaa 11ffaa sakatta’ameera .Qaaccessa kanaan hanqinoota mul’atan adda baasuun yaada furmaataa kennuuf ammoo,gosa qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera. Akkasumas,kitaaba barataa, Daawwannaan Dareefi Barsiisonni Afaan Oromoo barsiisaan mala miti carraa kaayyeffataatiin shan iddatteeffamuun filatamaniiru.Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaaname sakatta’iinsa harshamme, afgaaffii barsiisotaafi daawwannaa dareedha. Odeeffannoon sakatta’insa harshammee; afgaaffiifi daawwannaan argame mala akkamtaan kan qindaa’ee qaacceffamedha. Akka ragaaleen qacceffaman mul’isanitti, tooftaawwan hiika jechootaa barsiisuu kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa hanqina qabaachuu isaati. Gabaabumatti, argannoon qorannoo kanaa dhiyaannaan gochaalee hiika jechootaa kitaabicha keessatti argamu galumsa dubbisaatiin barattoota shaakalsisuuf xiyyeeffannoo kan hinkennine dha. Haalli dhiyaannaa gochaalee hiika jechootaa walitti dhufeenya jechoonni walii isaanii waliin qaban barsiisuuf barsiisonni hojjomsaa jiran hariiroo jechoonni waliin qaban kan hinmul’isneefi gochaaleen dandeettii hiika jechootaa barattootaa cimsuuf kitaaba barataa keessatti dhiyaatan harki caalaan isaanii fedhii, sadarkaafi dandeettii barattootaa giddu- galeessa godhatani kan hindhiyaanne ta’uun argannoo qorannichaa warren gurguddoodha. Dhumarratti argannoo qorannoo kanarraa ka’uun yaadonni furmaataa qopheessitoonni meeshaalee sirna barnoota afaanii irratti hojjetan kaayyoon waliigalaa hiikni jechootaa baratamuufi tooftaa gochaaleen hiika jechootaa kitaaba barataa keessatti dhiyaachuun qabaniin walsimsiisanii dhiyeessuun, barattoonniifi barsiisonni afaanicha baratan akka bu’aa argatan taasisuurra darbee sadarkaa guddina afaanichaaf gahee olaanaa akka qabu hubatamee, keessa deebi’amee fooyyaa’uu qaba. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA TOOFTAALEE HIIKA JECHOOTAA BARSIISUU; KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO: KUTAA 11FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account