QAACCESSA BARREEFFAMA BEEKSISAWAAJJIRAALEE MOOTUMMAA AANAA WALISOO

Show simple item record

dc.contributor.author Ayyaanoo Gammachuu, Mulugeetaa
dc.contributor.author Ayyaanootiin, Mulugeetaa
dc.contributor.author Barreeffama, Qaaccessa
dc.date.accessioned 2021-03-22T03:07:03Z
dc.date.available 2021-03-22T03:07:03Z
dc.date.issued 2020-06
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3552
dc.description 75p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun kanirratti xiyyeeffate, qaaccessa barreeffama beeksisoota waajjiraalee mootummaa Aanaa Walisoorratti. Mata dureen qorannoo kun akka qoratamu qoratichaf kaka’umsa kan ta’e, yeroo baay’ee barreeffamni beeksisootarratti hanqinoota kallattii hedduun mul’atachaa turanirratti sababa dogoggora barreeffamaan jechoota arrabsoo ta’anii hawaasa yookiin dubbistoota dallansaa turan akkasumas, ergaa biroo dabarsuuf faallaa yaada barraa’etti yemmuu dhimma bahaa turan arguun taajjabaa turuu qoratichaati. Kaayyoon qorannoon kun qabatee ka’e dogoggora barreeffama beeksisoota waajjiraalee mootummaa qaaccessuudha. Qorannoo kana ijaaruudhaaf kitaaboleen garaagaraa sakatta’amanii jiru.Qorannoo kana geggeesuudhaf meeshaa ragaan ittiin funaanname sakatta’a harshammee yemmuu ta’u, malli qoratichi itti gargaaramee raga isaa qaaccesse mala akkamtaadha.Bifa kanaan, ragaalee cuunfame kanarraa argannoon qoratichaa: barreeffama beeksisoota waajjiraalee mootummaa keessa hanqinootni barreessuu heddu jiraachuu isaanii qoratichi adda baasee jira. Hanqinoonni kunniinis, seera caasaa afaanichaa eeguun barreessuu dhabuu, sirna tuqaaletti seeraan fayyadamuu dhabuufi caasaa afaanichaa akkaataa seerri isa ajajeen gargaaramuu dhabuu akka ta’e mul’atee jira. Maddi dogoggoran barreessuu: xiyyeeffannoo gahaa itti kennuu dhabuu, leenjiin gama kanaan walqabatu hojjettootaf kennamuu dhabuu, maal nadhibdee, dhiibbaa afaanota biroo, shaakala irra deddeebii taasisuu dhabuu, dhiibbaa sirna barnoota duriifi kan kana fakkaatan akka ta’e adda baafamee jira. Qoratichis, yaadolee armaan olii bu’ureeffachuun argannoo issaarra gahuun akka isaatti yaadolee furmaataa eeree jira.Hojjettoonni waajjiraalee mootummaa keessa hojjetan beeksisa barreessuun dura leenjii gahaa dhimma kanaan walqabatu osoo fudhatanii, shaakala walitti fufaa osoo taasisanii, mootummaan qaama dhimma kana cimsee xiyyeeffannoon hordofu osoo kaa’ee gaarii ta’a jechuun qoratichi akkaataa hubannoo isaatiin argannoo rakkoo qorannichaaf yaada furmaataa isaa eeree jira en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title QAACCESSA BARREEFFAMA BEEKSISAWAAJJIRAALEE MOOTUMMAA AANAA WALISOO en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account