XIINXALA QABIYYEEWWAN KITAABILEE BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAALEE 6FFAAFI 7FFAA: IJA BARATTOOTA AFAAN LAMMATAA BARATANIIN

Show simple item record

dc.contributor.author Nugusee Kabbadaa, Qalamuwaa
dc.contributor.author Nugusee, Qalamuwaa
dc.date.accessioned 2021-03-22T03:11:08Z
dc.date.available 2021-03-22T03:11:08Z
dc.date.issued 2011-11
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3553
dc.description 86p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala qabiyyeewwan kitaabilee barnootaa Afaan Oromoo kutaalee 6ffaafi 7ffaa ija afaan lammataa barataniif kan qophaa’e irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyeen kitaabota kutaa 6ffaafi 7ffaa keessatti hammataman barattoota Afaan Oromoo akka afaan lammaffaati barataniif madaalawaa ta’uu isaa xiinxaluudha. Qorannichis kitaabilee filataman, qajeelchota barsiisotaafi silabasiiwwan afaanii sakkatta’uu, ibsuufi xiinxaluun kan dhiyaate. Akka madda ragaatti sakattaan harshamee /galmee silabasii afaanii, kitaablee barattootaafi qajeelchota barsiisotaa kitaabilee lamaanii irratti taasifameera. Maddi ragaalee qorannoo kanaa barsiisota Afaan Oromoo kutaalee 6ffaafi 7ffaa barattoota Afaan Oromoo akka afaan lammataatti barsiisaniifi qopheessitoota sirna barnoota olaanaa Afaan Oromooti. Meeshaaleen funaansa ragaaleef itti dhimma bahaman af-gaaffiifi sakatta’a arshammeeti. Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa dha. Malli qorannoon kun itti adeemsifame mala ibsaa yoo ta’u qabiyyeewwan boqonnaatti qooduun gabateewwan jala jalatti ibsa kennuun qaaccessi taasifameera. Kanamalees, mala iddattoo miti carraatti fayyadammuun qaabiyyeewwan kitaabota kutaa 6ffaafi 7ffaa hangam barattoota Afaan Oromoo akka afaan lammataatti barataniif madaalawaa akka ta’an gama dandettiiwwan afaaniin, gosoota dalagaaleetiin, seenduubeefi umrii barattootaa jiddugaleessa godhachuu akkasumas gama qabatamummaa qabaachuun xiinxalamaniiru. Haala kanaan kitaabileen filataman gama dandeettiiwwan afaanii, umriifi seenduubee barattootaa, qabatamummaa akkasumas dalagaaleen hawwatoo ta’uu isaaniirratti hanqinaalee kanneen akka dandeetiwwan afaanii barsiisu dhabuu, dalagaalee barattoota shaakalchiisuu danda’an dhabuu, seenduubeefi umrii barattootaa giddugala godhachuu dhiisuufi qabatamummaa dhabuu yookiin mala baruuf barsiisuu ammayyaafi hirmaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuun argannoo qorannoo kanaa yoo ta’u, yaadni furmaataas ogeessonni barnoota afaaniifi qopheesitoonni sirna barnoota olaanoo waliin ta’uun qabiyyeewwan kitaabota kanneenii irratti xiyyeeffannoon akka dalagan yaada jedhu dha. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya university en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA QABIYYEEWWAN KITAABILEE BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAALEE 6FFAAFI 7FFAA: IJA BARATTOOTA AFAAN LAMMATAA BARATANIIN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account