XIINXALA QORICHOOTA AADAA BIQILTOOTAAFI BINEENSOTA IRRAA QOPHEEFFAMAN: GODINA HARARGEE LIXAA, AANAA MI’EESSOOTTI

Show simple item record

dc.contributor.author Baayisaa Gammadaa, Leellisaa
dc.contributor.author Abdoofi, Piroofeesaraa Muhammaad
dc.contributor.author Bayyanaaf, Dr. Imaanaa
dc.date.accessioned 2021-04-15T04:06:11Z
dc.date.available 2021-04-15T04:06:11Z
dc.date.issued 2020-04
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3609
dc.description 83p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun, Xiinxala Qorichoota Aadaa Biqiltootaafi Bineensotarraa Qopheeffaman Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessootti jedhurratti gaggeeffame. Kaayyoon qorannoo kanaas, qoricha aadaa aanaa kana keessatti argamu maqaa isaa waliin waliitti qabanii xiinxaluun dhaloota dhufuuf kaa’uudha. Kaayyoon qorannoo kanaa galmaan ga’uuf, Saxaxa qorannoo akkamtaatu dhimma itti bahame. Ragaan qorannoo kanaa madda ragaa tokkooffaarraa kan argame yoo ta’u, hawaasa aanaa Mi’eessoo keessa jiraatan keessaa namoota hawaasa kana bakka bu’uun ragaalee barbaadame kennaan 20 (digdama) ta’antu mala iddatteessuu akkayyootiin filataman. Iddattoowwan kanneenniraayiis, ragaaleen malleen funaansa ragaalee afgaaffii, marii garee xiyyeeffannoofi daawwannaatti gargaaramuun walitti qabame. Ragaan walitti qabamees mala qaacceessa ragaalee akkamtaa keessaa mala qaacceessa qabiyyeetti gargaaramuun garee gurguddaa afur; qorichoota aadaa biqiltootarraa qopheeffamu, qorichoota aadaa bineensotarraa qopheeffamu, yeroo qorichi aadaa itti qopheeffamuufi waliin dubbii ogeessaafi fayyadamaa jalatti qoqqoodamuun xiinxalame. Argannoowwan qorannoo kanaas, qorichoonni aadaa aanaa mi’eessoo keessatti argaman namaafi beelladota dhukkubarraa yaalaafi fayyisaa turaan maqaalee mataa isaanii kan qaban yoo ta’an, qorichoonni kunneennis bifa aadaatiin biqiltootaafi bineensota naannoo isaanitti argamani irraa bifa aadaatiin qopheeffamuun dhukkuboota adda addaa yaaluufi faayisuuf oolu. Haa ta’u malee, dhaloonni ammaa beekumsiifi hubannoon qorichoota aadaarratti qaban gadaanaa waan ta’eef, yeroo ammaa kana qoricha aadaafi wantoota qorichi aadaa irraa qopheeffamuuf xiyyeeffannoo kennuufi kunsa gochuufi dhabuurran kan ka’e qorichi kun dagataamaafi badaa jira. Kanaafuu, qorichi kun akka hindagatamneefi hinbadneef qaamni dhimmi ilaallatu hundi ogeessota qorichoota aadaa waliin ta’uun xiyyeeffannoo barabaachisaa itti kennee maqaa isaa walitti qabee galmeessuun qorichootafi wantoota qorichoonni aadaa irraa qopheeffamuuf kunuunsa barbaachisaa gochuun, seera qorichi aadaa ittiin qopheeffamuufi kennamu baasuun namoota qoricha aadaa qopheessaniif leenjii hubannoo cimsu kennuun mana yaala qoricha aadaa banaatanii bal’inaan akka irratti hojjetaniifi babal’isan gochuun dirqama en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA QORICHOOTA AADAA BIQILTOOTAAFI BINEENSOTA IRRAA QOPHEEFFAMAN: GODINA HARARGEE LIXAA, AANAA MI’EESSOOTTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account