Abstract:
Qorannoon kun Amaltoltummaa Haasawa Afaan Oromoo keessatti hawaasni Aanaa Habroo Magaalaa Galamsoo fayyadamu ibsuu irratti kan xiyyeeffateedha. Ka’uumsi qorannoo kanaa inni guddaan xiinqooqa Afaan Oromoo keessatti dhimmi amaltoltummaa xiyyeeffannoo argatee qorannoon bifuma kamiinuu irratti kan hin hojjatamne ta’uusaafi fedhii qaawwa gama kanaan jiru guutuuf qorattittiin qabdu. Kanumaan wal qabatee kaayyoon qorannoo kanaas amaltoltummaa haasawa Afaan Oromoo Magaalaa Galamsoo keessatti hawaasichi itti fayyadamu ibsuudha. Ragaaleen qorannoo kanaas namoota waa’ee amaltoltummaa hubannoo qaban kanneen mala iddatteessuu dhimmataatiin filataman irraa meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka bargaaffii banaa, afgaaffiifi hubdaawwannaatiin funaannamee mala akkamtaatiin xiinxalameera. Xiinxala kanaanis wantootni haasawaa Afaan Oromoo keessatti amaltoltummaa agarsiisaan ibsa fuulaafi sochiilee qaamaa, jechootaafi; haalootaafi amaloota gaarii akka ta’an adda baafamaniiru. Amaltoltummaan hawaasni fayyadamus seeqachuu, mataa sossoosuu, harka walitti olqabuu, harka walfuudhuu fa’a. Kana malees, ‘Dhiifama’, ‘Galatoomaa’ jechuu, ‘Nagayaa’ fi ‘Nagayatti’ waliin jechuufi jechoota maqaafi bamaqaa amaltoltummaa agarsiisan; akkasumas, nagaa gaafachuu, hadhaadhiyyuufi sagalee laaffisanii haasawuu fa’a akka ta’an adda baafamaniiru. Faayidaaleen amaltoltummaa: kabajaa waliif agarsiisuuf, wal galatoomfachuuf, hiriyummaafi firooma cimsuuf, keessummaa keessummeessuufi hojii irratti waljajjabeessuufi. Akka yaada furmaataatittis, wantootni amaltoltummaa agarsiisan galumsa haasawaa garagaraa keessatti osoo jajjabeeffamanii gaariidha. Wantootni amaltoltummaa agarsiisanis gama barreeffamaattis osoo deebi’anii, gama danda’ame kamiinuu hubannoon hawaasni amaltoltummaafi faaydaalee isaa irratti qabu akka cimu osoo godhamee gaariidh