QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGRII LAMMAFFAA (MA)

Show simple item record

dc.contributor.author korjii ida’oo, Firoomsaa
dc.date.accessioned 2021-07-05T02:43:35Z
dc.date.available 2021-07-05T02:43:35Z
dc.date.issued 2020-12
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3840
dc.description 80p. en_US
dc.description.abstract Qorqnnoon kun rakkoo barattoonni dandeettii barreessuu Afaan Oromoo irratti qaban irratti xiyyeeffata. Kayyoon ijoo qorannichaa dandeettii Afaan Oromootiin barreessuu barattootaa irratti xiyyeeffata. Gama bakkaatiin qorannoon kun kan xiyyeeffate mana barumsa sadarkaa 2ffaa magaalaa Sulultaarrattidha. Akkasumas, qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa fi ammamtaan dalagamuun dhihaate. Kana malees, qorannoo kana keessatti barattoonni 150 dareewwan hunda keessatti mala iddattoo carraatiin filatamanii ragaa akka kennan taasifamee jira. Dabalataanis, barsiisonni Afaan Oromoo mana barumsichaa hundi isaaniiyyuu mala iddatteessuu argamtaan fudhatamuun ragaa akka kennan ta’anii jira. Akkasumas, qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, bargaaffii, qormaata barreeffamaa Afaan Oromoo barattoota qoruun achirraas ragaa qabatamaa argachuuf yaalamee jira. Ragaaleen funaanamanis, mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru. Kanneen lakkoosaan taa’an dhibbeentaatti jijjiiruun hiikni itti kennamera. Argannoon qorannoo kanaarraa argame akka mul’isutti, barattoonni baay’een barreeffama Afaan Oromootiin barreessuu keessatti rakkoo qabaachuun isaanii ifatti mul’atee jira. Rakkoowwan kunniinis, filannoo jechootaa, seerluga sirrii ta’etti fayyadamuu dhabuu, hima gaarii ijaaruu, yaada maddisiisuu, yaada qindeessuu, sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuu, hanqina qubeessuu sirriitti, afaan dubbiifi barreeffama gargarbaasuun dadhabuu, unkaa barreeffamni barbaadu , qubguddeessuu sirrii, qindeessanii barreessufi kankana fakkaatan fayyadamuu dhabuu akka ta’e adda baheera. Kana malees, ilaalchi barsiisonni sirnaan shaakalchiisuufi hojiiwwan biroo hojii barreessuu waliin walqabatu irratti hojjechuurratti hanqinni akka jiru irra ga’ameera. .Maddi rakkoo kanaas barsiisonni xiyyeeffannoon irratti hojjechuu dhabuu, haalli kitaabnibarattootaa itti qophaa’e barattoota waliin walsimuufi ifa ta’uu dhabuu, barattoonni fedhii dhabuu, hubannoo dogoggoraa Afaan Oromoo beekna jechuu, haalli bulchiisni mana barumsaa barsiisaa itti madaalu rakkoo qabaachuu, kutaa gadiitti sirnaan osoo hin shaakaliin dhufuu barattootaa, hojiin barreessuu ni ulfaata jedhamee gama barataatiin fudhatamuu fa’a akka ta’e bira gahameera. Qorannichi, barsiisonni shaakala barreessuu walitti fufaa barattootaf kennuun barattoonni dandeettii barreessuu isaanii akka gabbiffatan osoo taasifamee kan jedhu akka yaada furmaatatti eerera en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGRII LAMMAFFAA (MA) en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account