Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan, Baandiin Afran Qalloo dhiibbaa afaaniifi aartii Oromoo irra ture jijjiiruu keessatti gaheen isaa maal akka tureefi adeemsa isaa kana keessatti mudannoo isaa xinxaaluu dha.Ka’uumsi qorannoo kanaas dhimma mata duree kanaa irratti qorannoon gaggeeffame waan hin jieef qaawwaa kana guutuufi. Malli qorannoo kanas mala qorannoo akkamtaati.Sababni isaas malli qorannoo akkamtaa mala odeeffannoo argaman jechaan ibsuurratti waan xiyyeeffatuufi. Gosti qorannoo kanaa immoo gosa qorannoo seenessaati. Maddi ragaalee qorannoon kun irraa argame irra caalaan ragaa sadarkaa tokkoffaa yoo ta’u, ragaa sadarkaa lammaffaanis hojiirra ooleera. Qorannoo kana keessatti qorattuun Aartistoota, Maanguddootaafi namoota dhimma kana irratti hubannoo qaban hirmaachisuun dhimma itti baateetti.Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti filatame mala iddatteessuu mit-carraa akkayyooti.Malleen ragaaleen ittiin funaanaman immoo, af-gaaffii, marii garee fi sakatta’a harshammeeti. Akkasumas qorattuun qorannoo kanaa: maalummaa Baandii Afran Qalloo, gahee Baandii Afran Qalloo afaan Oromoofiaartii Oromoo keessatti qabu adda baafameera.Akasumas, dararamni hundeessitootaa fi deeggartoota baandii afran qalloo irra gahaa turan eeramaniiru.Baandiin Afran Qalloo hirmaannaan inni afaaniifii aartii Oromootiif godhe salpaa akka hinturre hubatameera.Akkasumas, Seenaan Baandii Afran Qalloo Osoo kana caala qoratamee yaadni jdhu kaahameera.