XIINXALA MAQAALEE MASOO GODINA ARSII AANAA GADAB HASAASAA

Show simple item record

dc.contributor.author Amaan Irkisoo, Seeyfaddiin
dc.date.accessioned 2021-07-13T03:28:57Z
dc.date.available 2021-07-13T03:28:57Z
dc.date.issued 2020-03
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/3993
dc.description 74p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala maqaalee masoo Godina Arsii Aanaa Gadab Hasaasaa irratti kan geggeeffameedha. Kunis jechoota Afaan Oromoo kan maqaa jalatti ramadaman keessaa qorannichis maqaalee masoorratti kan xiyyeeffateedha. Ka’umsi qorannichaa muuxannoo qorataa kan yeroo ijoollummaa irraa kan ka’eedha. Kunis, naannoo qoratichi dhalatee itti guddatetti maqaa masoo Baatii jedhamuun kan beekkamuufi maqaaleen kunniin ammoo hawaasa aanichaa keessatti bal’inaan jiraachuu isaaniiti. Kaayyoon gooroon ammoo maqaalee masoo aanichaa xiinxaluudha. Kaayyoowwan gooreen isaas Maqaaleen Masoo hawaasa keessatti maal maalirratti hundaa’uudhaan akka moggaafaman adda baasuu, Hiika Maqaalee Masoo addeessuufi Faayidaa isaan hawaasummaa keessatti qaban adda baasuudha. Haaluma Kanaan, gosti qorannoo kanaa qorannoo bu’uuraa ta’ee, Adeemsa qorannoo kanaaf malli akkamtaa filatameera. Iddattoowwan tooftaa miti-carraatiin erga filatamaniin booda mala akkayyootiin ragaan funaanameera. Kunis afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannootiin yoo ta’u, madda ragaa tokkoffaa (manguddootaa)fi madda ragaa lammaffaa (barreeffamoota maxxanfaman) irraa ragaan funaanameera. Xiinxalliifi hiikni ragaa argamee kaayyoo qorannichaarratti hundaa’uun argannoowwan asiin gadii kanniin bira gahameera. Wantoonni maqaaleen masoo irratti hundaa’anii moggaafaman: Hawwiifi Abdii, taateewwan adda addaa, amala namaa, haala qaamaa, walitti dhiheenya shamarranii kan addooyyee, maqaa gabaabsanii waamuun, sheluun, jaalala waliif qaban, guddifachaa, yeroo, iccitii, akkasumas faayidaa biqiloota irraa argatan irratti hundaa’uudhaan kan moggaafamaniidha. Maqaaleen masoo hiika mataa isaanii kan qabaniidha. Kunis, akka bunaa kan araada nama baasu, Qundhiin waan Urgooftuuf, tan akka qundhii urgooftu hiika jedhu agarsiisa. Faayidaan maqaa masoo kabajaafi jaalala, walitti dhiheenya ummataa cimsuuf, caalatti ammoo duudhaafi aadaan hawaasaa cimee akka itti fufuuf kan fayyadu ta’uu isaa adda baafameera. Kanneen qorannoon bira hin geenyes qoratamanii gama barreeffamaatti deebi’anii osoo olkaa’amanii. Hiikni maqaalee masoo kanneen qofa waan hin taaneef, caalatti osoo qoratamanii faayidaalee caalu argamsiisuu danda’u. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya university en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA MAQAALEE MASOO GODINA ARSII AANAA GADAB HASAASAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account