XIINXALA SIRNA GAA’ELAA HAASA’ANNAA GODINA JIMMAA, AANAA QARSAA

Show simple item record

dc.contributor.author Jamaal Abbaabulguu, Xaahir
dc.date.accessioned 2021-08-04T02:44:46Z
dc.date.available 2021-08-04T02:44:46Z
dc.date.issued 2011-10
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4129
dc.description 78p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree’Xiinxala Adeemsa Sirna Gaa’elaa haasa’annaa Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa jedhuun geggeeffame. Kaayyoon qorannoo kanaa aadaa gaa’elaa haasa’annaan Godina Jimmaa Aannaa Qarsaa xiinxaluu ta’ee, kaayyoo kana galmaan gahuuf qorataan mala akkamtaatti dhimma bahee jira. Qorannoo kanaafodeeffannoon madda ragaa tokkooffaafi madda ragaa lammaffaa yemmuu ta’u, maddi raga tokkoffaa manguddoota dhimmoota gaa’ela aadaa irratti hubannoofi muuxannoo qaban mala iddatteessuu miti-carraa keessaa mala iddatteessuu darbaa dabarsaatiin filatamaniiru. Maddi raga lammaffaammoo barreeffamoota sirna gaa’elaatiin walqabatanii barreeffamaniifi qorannoowwan walfakii dhimma kana irratti barreeffaman ta’u. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan meeshaalee funaansa ragaalee keessaa afgaaffii, marii garee, daawwannaa fi sakatta’a harshammeen walitti qabuun danda’ameera. Ragaaleen odeefkennitoota irraa walitti qabaman mala ibsaatiin yookiin akkamtaan jechaan ibsamuun qaacceffamaniiru. Qaaccessa kana irraa sirni gaa’elaa haasa’annaa adeemsa sirna guyyaa cidhaatiin duraa ta’u, guyyaa cidhaafi guyyaa cidhaatiin boodaa keessatti raawwiiwwan adda addaa ofkeessatti qabatee kan geggeeffamu ta’uusaatu mul’ata. Haalota kana keessatti fakkoommiiwwan garaa garaa hawaasicha biratti akka gaariifi akka hoodaatti ilaalaman, faayidaafi miidhaa gama hawaas-diinagdeetiin sirnichi qabuufi sababoota adda addaatiin walqabatee itti fufiinsiifi jijjiiramni sirnicha keessa jiraachuun hubatamee jira. Dhuma irrattis argannoo kana irratti hundaa’uun yaadni furmaataa kennameera. Isaanis: Abootiin amantaa, hawaasni, abbootiin gadaa gahee isaanii osoo bahatanii. Akkasumas manneen barnootaa gumii mana barumsaa keessatti dhaabbamee jiru cimsuufi itti dhimma bahuunfaayidaa sirni kun gama hawaas-diinagdeetiin qabu bal’inaan xiinxaluun hojiin hawaasa keessatti hubannoo uumuufi barreeffamaanis olkaa’uu, itti fufaatii jiru jajjabeessuufi kanneen jijjiiraman bakkatti deebisuuf otuu irratti hojjatamee gaarii ta’a. en_US
dc.description.sponsorship haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA SIRNA GAA’ELAA HAASA’ANNAA GODINA JIMMAA, AANAA QARSAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account