Xiinxala Afwalaloowwan Hojii Daboo Oromoo Maccaa, Aanaa Nuunnuu Qumbaa

Show simple item record

dc.contributor.author Fayisaa, Borsanyii
dc.contributor.author Bayyanaa, (Ph.D.) Imaanaa
dc.contributor.author Amaan, (Ph.D.) Jeeylaan
dc.date.accessioned 2021-08-20T07:06:34Z
dc.date.available 2021-08-20T07:06:34Z
dc.date.issued 1012-02
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4271
dc.description 63p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree ‘Xiinxala Afwalaloowwan Hojii Daboo Oromoo Maccaa, Aa-naa Nuunnuu Qumbaa’ jedhu irratti Baha Wallaggaatti geggeeffame. Afwalaloon yeroo daboo dhiyaatu hariiroofi tokkummaa hawaasaa cimsuun kaka’umsaafi fedhii hojii akka qabaataniif waan gargaaruuf qorannoon afoola dhuudhaa hojii walin walqabsiisanii qo-rachuuun keessattuu yeroo ammaa dagatamaa waan dhufeef heddu barbaachisaad-ha.Haaluma kanaan kaayyoon qorannoo kanaa afwalaloo yeroo hojii daboo Oromo Maccaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa dhimma bahan haala duudhaa hojii gamtaa (daboo) keessatti adda baa-suufi xiinxaluudha.Afwalaloo hojii daboogosa isaatiin qooduun qaaccessuun barreeffamaan kaa’anii kunuunsuufi badiirraa baraaruuf gahee olaanaa qaba.Qorannoo kana galmaan ga’uuf raggalee madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaan funaanamaniiru. Mad-di ragaa tokkoffaan manguddoota dhimmota daboofi hariiroo hawaasaa waliin dhiyeenya qaban irraa meeshaalee funaansa ragaalee kaneen akka afgaaffii,daawwannaafi marii ga-reetiin kan argamaniidha. Maddi ragaa lammaffaa ammo barreeffamoota waa’ee afwala-looirratti barreeffamanii jiran kan sakkatta’amanidha. Ragaaleen madden kunneen irraa argaman mala akkamtaatiin yoomessaafi haala dhiyaannaa yeroowwan gosaalee hojii daboo kanneen akka daboo qonnaa, daboo haamaa, mana ijaarsaa,daboo calleessaa mid-haaniifi k.k.f. keessattu yeroo affeerraa garagaraa gama unkaalee ogwalaloo kanneenifi yeedaloo isaniitiin kan dhiyaatan yoo ta’u,innis tokkummaa hawaasichaa cimsuun ka-ka’umsa hojii akka qabaatan taasisuun alattifalaasama hojii hawaasa oromoo biratti jiru duudhaalee hawaasaa waliin walqabachiiisuun waan ibsaniif beekumsi akkasii barreeffa-maan olkaa’uun akka dhaloonni irraa baratu taasisuun gahee olaanaa qaba.Dhumarratii, yanni furmaataa kanneen akka dhaloonni ammaa akka itti gargaaramaniif namni kamuu barbaachisummaa afwalalooirrattihubannookennuufiin barbaachisaa ta’uu,waajjirri Aa-daaf Turizimiis ta’ee namoonni faayidaa afwalaloo irratti hubannoo qaban qorannoo bal’aa irratti adeemsisuun afwalaloo yeroo daboo dhiyaatu hawaasicha keessaa guuruun barreeffamaan osoo kuusanii olkaa’anii kan jedhuuufi dhaloonni si’anaa afoolli dhimma aadaafi eenyummaa ibsuu ta’uu hubatanii ija amtaatiin otoo ilaaluudhaa baatanii kan jed-hu rakkoo jiru firuuf addabahaniiru en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title Xiinxala Afwalaloowwan Hojii Daboo Oromoo Maccaa, Aanaa Nuunnuu Qumbaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account