XIINXALA YAADAYOO DALAGAALEE BARREESSUU KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 11FFAA

Show simple item record

dc.contributor.author Milkeessaa Xuurii, Ifaa
dc.contributor.author Abdoo, (Pirofe) Muhaammad
dc.contributor.author Bayyanaa, (PhD) Imaanaa
dc.date.accessioned 2021-11-03T07:01:46Z
dc.date.available 2021-11-03T07:01:46Z
dc.date.issued 2020-03
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4497
dc.description 76p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala yaadayoo dalagaalee barreessuu kitaaba barataaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa irratti xiyyeeffate. Qorannicha keessatti, mala qorannoo walmakaatti dhimma bahame. Malli ragaaleen ittiin funaanaman sakatta’a harshammee yoo ta’u, ragaan haala kanaan argame gabateefi lakkoofsaan xiinxalamee ibsi itti kenname. Ragaaleen xiinxalaman akka mul’isanitti, yaadayoon dalagaalee barreessuu kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa hanqina qabaachuu isaati. Argannoowwan qorannoo kanaa irraa akka hubatamutti, yaadayoowwan dalagaalee barreessuu kitaabicha keessatti argaman yaadayoowwan muraasa qofaaf xiyyeeffannoon kan kenname ta’uu; sadarkaafi dandeettii barattootaa kutaa sanarra jiraniin kan wal hinginnee,,fi dalagaaleen barreessuu kitaabicha keessatti dhiyaatan gahumsi isaanii laafaa ta’uu argisiisa. Kunis, kitaabichi yeroo qophaa’u yaadayoowwan baay’eef xiyyeeffannaa kennuu dhabuufi sadarkaa barattootaa ilaalcha keessa galchuu dhiisuu akkasumas, gahumsaan qindaa’uu dhabuudha. Argannoowwan qorannoo kanaa irraa ka’uun, yaadoleen furmaataa: qaamoleen meeshaalee sirna barnootaa Afaan Oromoo qopheessan kaayyoo waliigalaa yaadayoowwan dalagaalee barreessuu kitaaba barataa barnoota afaan oromoo kutaa kudha tokkoffaa keessatti dhiyaachuu qabaniin wal simsiisanii xiyyeeffannoon keessa deebi’anii osoo fooyyeessanii gaariidha. Hanga kitaabichi qaama dhimmi ilaaluun xiyyeeffannoo argatee fooyya’utti barsiisonni yaadayoolee hunda bu’uura godhachuun barattoota deeggaruun, galma gahiinsa sagantaa barnoota afaaniitiif gumaachuu qabuun dhaamsa qoratichaati en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA YAADAYOO DALAGAALEE BARREESSUU KITAABA BARATAA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 11FFAA en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account