XIINXALA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO DHIIROTAA FI DUBARTOOTA GADI QABANII: KITAABA MAMMAAKSA OROMOO JILDII -3FFAA IRRATTI BU’UUREFFACHUUN

Show simple item record

dc.contributor.author Kumsaa Waratii, Kibbinash
dc.contributor.author Baldaa, (Garga Pirof.) Fiqaaduu
dc.contributor.author Amaan, Dr. Jeyilaan
dc.date.accessioned 2021-11-03T07:11:37Z
dc.date.available 2021-11-03T07:11:37Z
dc.date.issued 2020-02
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/4500
dc.description 67p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala qabiyyee mammaaksota Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qabanii kitaaba mammaaksa Oromoo Jildii 3ffaairratti bu’uureffachuun dhiyaate. Qorannoo kanaaf ka’uumsa kan ta’e, mammaaksonni Oromoo hedduun qabamanii jiildiiwwan adda addaan kaa’annii qabiyyee, hiikaa fi ergaa isaanii heddumminaan hinxiinxalle. Kana malee mammaaksoonni gadi qaboo koornyaalee lameen irratti mammaakaman miidhaa isaan qaqqabsiisan hayyoota garagaraatiin qorataman baay’inaan hin jiran. Kan jiranillee caalmaatti mammaaksoota gadi qabamuu dubartootaa ibsan irratti xieeffatu. Akkasumas miidhaalee mammaaksonni koorniyaalee lameen gadiqabuuf mammaakaman hawaasa irratti qaban maal maal akka ta’e addaan baasuun hin ibsine. Qoorannoon kunis mammaaksota Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qaban xiinxaluun hiika mammaaksoonni kunneen qaban ibsuuf irratti xiyyeefata. Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u ragaaleen qorannichaa qaaccesaharshammee fi afgaaffii gargaaramuun funaanamaniiru. Ragaaleen funanamaniis akkataa mammaaksonni ergaa gadi qabaa dhiirotaafi dubartootaa qaban akkaataa galumsa isaaniitiin xiinxalamaniiru.Argannoowwan qorannichaasmammaaksonni Oromoo gadi qabamuu dhiirotaa fi dubartootaa kallattii adda addaatiin akka calaqqisiisan. Kanamalees miidhaaleen gama kanneeniin mul’atanis, hawaasa biratti akka gadaanaatti lakkaa’amuu,qabeenyaarratti aboo dhabuufi mirga filatamuun siyaasa keessatti qooda fudhachuu dhabuun dhiirota jalatti akka bulan taasifamuu fa’a. Ilaalcha hawaasaarraa ka’een, carraan dubartootaa dhiirotaan kan murtaa’u ta’uudha. Yeroo ammaa kana itti fayadamni mammaksota kanneenii hamma tokko hir’ina qabaatus ilaalchonni kana dura hawaasa keessa turan ammas darbanii darbanii kan calaqqisan ta’uun hubatameera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya university en_US
dc.title XIINXALA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO DHIIROTAA FI DUBARTOOTA GADI QABANII: KITAABA MAMMAAKSA OROMOO JILDII -3FFAA IRRATTI BU’UUREFFACHUUN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account