| dc.contributor.author | Dammishuu, Ijaaroo | |
| dc.contributor.author | Bayyanaa, (PhD) Imaanaa | |
| dc.contributor.author | Abdoo, (Garga Piros) Muhaammad | |
| dc.date.accessioned | 2022-03-31T05:53:27Z | |
| dc.date.available | 2022-03-31T05:53:27Z | |
| dc.date.issued | 2014-01 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/4938 | |
| dc.description | 71p. | en_US | 
| dc.description.abstract | Kaayyoon qorannoo kanaa weelluu buxxuulaa xiinxaluudhaan dhaloota dhufufuuf bifa barreeffamaatiin olkaahuudha. Mata duree kanarratti qorannoon kun akka gaggeeffamuuf ka’umsa kan ta’ e, weelluun buxxuulaa afaaniin darbuun ala ragaa barreeffamaan qindaa’e dhabuufi ammayyummaa sababeeffachuun weelluun buxxuulaa sardakaa duraan jiru irraa gadi bu’aa adeemuun sadarkaa dagatamuurra ga’uu isaati. Qorannoon kun gosa qorannoo sanyabsaati. Saxaxni qorannoo kanaa immoo akkamtaadha. Qorannoo kana keessatti qorataan iddattoowwan qorannoo isaaf mijatu filateera. Kanaanis gosoota iddatteessuu miti carraa fayyadamuu danda’eera. Gosoota iddatteessuu miti carraa keessaa mala iddatteessuu akkaayyootti kan gargaarameedha. Meeshaalee funaansa ragaalee keessaa afgaaffii, daawwannaafi marii gareen hojiirra kan oolame ta’ee odeeffannoowwan meeshaalee kanneeniin walitti funaanaman mala ibsaan xiinxaalamaniru. Adeemsa xiinxala qorannoo kanaa keessatti argannoowwan bira ga’aman weelluun buxxuulaa weelluu jaalalaa ta’uu, weelluun buxxuula dhimmoota akka diinagdeefi hawaasummaa kan ibsu ta’uu. Yoomessi weelluu buxxuulaa kan hindaangoofne ta’uu, qooda fudhattoonni weelluu buxxuulaa hawaasa hunda keessumaa dargaggeessaafi dargaggeettii ta’uu, weelluun buxxuulaa yeroo ammaa sadarkaa dagatamurra gahuun isaa adda baheera. Yaboo qorannoo kanaa keessattis weelluu buxxuulaaf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kaa’ameera. | en_US | 
| dc.description.sponsorship | Haramaya University | en_US | 
| dc.language.iso | en | en_US | 
| dc.publisher | Haramaya university | en_US | 
| dc.title | XIINXALA WEELLUU BUXXUULAA OROMOO ARSII AANAA QOREE | en_US | 
| dc.type | Thesis | en_US |