XIINXALA MAMMAAKSOTA HAMILEE DUBARTOOTAA JAJJABEESSAN YOOKAAN BUUSAN: AANAA MI’EESSOO IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Show simple item record

dc.contributor.author Imaam Abdallaa, Muniiraa
dc.contributor.author Abdoo, (Piroof) Muhaammad
dc.contributor.author Bayyanaa, (PhD) Imaanaa
dc.date.accessioned 2023-03-01T08:06:46Z
dc.date.available 2023-03-01T08:06:46Z
dc.date.issued 2022-04
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5038
dc.description 61p. en_US
dc.description.abstract Mammaaksi afoola Oromoo keessaa isa tokko ta’ee jiruuf jireenya hawaasaa keessatti wantoota mudatan haala garagaraan ibsuuf kan dhimma itti bahamudha. Qorannoo kanaaf ka’umsa kan ta’e, dubartoonni dandeettiifi ogummaa qaban fayyadamanii jijjiirama fiduu nidanda’an.kanaafimmoo mammaaksota kanneen qorachuun barbaachisaa waan ta’eefi.Qorannoowwan mammaaksaa irratti kanaan dura dalagaman ija gaariifi badaa walcinaa qabuudhaan ilaaluutti dabalee kallattii hamilee dubartootaan ilaaluun hinmul’atu. Haaluma kanaan, kaayyoon gooroo qorannoo kanaa mammaaksota dubartoota hamilee jajjabeessaniifi buusan xiinxaluudha. Maanguddoonni ragaa qorannoof gumaachaanis iddateessuu kaayyeffataatiin muuxannoofi beekumsa akkasumas umrii isaaniitiin eeruu hawaasaafi waajjira aadaafi tuurizimiitiin kan filatamani dha. Meeshaaleen qorannoo ragaa walitti qabuuf tajaajilan afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti. Kanamalees, Gosti qorannoo kanaas qorannoo qulqulleeffataa yoo ta’u, saxaxa xiinxaala ibsaa bu’uura godhachuudhaan mala akkamtaatti dhimma ba’ame. Akka qaaceesa ragaa irraa hubatametti mammaaksonni dubartoota hamilee jajjabeessan bu’aa isaan ofiif buusuu bira dabranii biyyaaf gumaachuu danda’an irratti kaka’umsa akka horatan taasisuu keessatti shoora akka qabuufi dubartiin gamna,,beektuu,abdatamtuu, dandeessuufi murteessituu ta’uu isaanii kan agarsiisedha Kanneen hamilee dubartootaa buusan ammoo irra caalaatti hawaasa keessatti heddumminaan kan dhimma itti bahamu ta’uufi midhaa xiinsammuu kan geessisan ta’uun adda baafamee jira. Mammaaksonni kunniinis dubartootaa fakkoommii wantoota tuffatamoo waliin walbira qabuun, qoosaa, tuffii, arrabsoofaa kan mul’isan ta’uu qorannoon kun hubachiisee jira. Kanaafuu ergaalee mammaaksota keessa jiran keessaa kanneen dubartoota kallattiin akka hin malletti ibsan waajjirri dhimma dubartootaa aanaa Mi’eessoo dubartoota gareen gurmeessuun leenjii walitti fufaa kennuun hojii hubannoo uumuu hojjechuu qabu. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa en_US
dc.title XIINXALA MAMMAAKSOTA HAMILEE DUBARTOOTAA JAJJABEESSAN YOOKAAN BUUSAN: AANAA MI’EESSOO IRRATTI KAN XIYYEEFFATE en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account