MIL’UU OROMUMMAA: SIRBOOTA WARRAAQSAA KEEKIYYAA BADHAADHAA FILATAMAN KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Tarreessaa Diriirsaa, Lammeessaa
dc.date.accessioned 2023-03-01T09:24:04Z
dc.date.available 2023-03-01T09:24:04Z
dc.date.issued 2022
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5058
dc.description 93 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun mata duree Mil’uu Oromummaa: sirboota warraaqsaa Keekiyyaa Badhaadha filataman keessatti jedhurratti kan gaggeeffameedha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa sirboota kanneen keessatti Oromummaan haala kamiin akka hubatameefi hiikame xiinxaluun dhiyeessuu yoo ta’u, seenaa weellistoota Oromoo Oromummaa asiin gahuu keessattiifi hariiroo sirnootni bulchiinsa biyyattii Oromummaa waliin qaban akka kaayyolee gooreetti hojii qorannoo kanaan dhihaataniiru. Kaayyoolee kanneen milkeessuufis walaloon sirboota filatamanii sagaleefi suursagan dhaggeeffatamaniifi ilaalamanii gara barreeffamaatti jijjiiramuun xiinxalamaniiru. Hojii qorannoo kanaaf iddattoowwan fudhataman: Dhugaa baas, Warra kamiifi Barraaq kan jedhantu mala iddatteessuu carraanalaa keessaa, iddatteessuu kaayyeffataan filataman. Malli iddatteessuu kun sakatta’a hafee oguma qoratamuu taasisuun kanneen dhimma qoratamuun walqabatan fo’achuuf kan dandeessisu ta’uutu akka dhimma itti bahamu godhe. malli qaaccessaafi hiikaa dhiheessa ragaaleef mijataa ta’ee hojiirra oole immoo kan akkamtaa keessaa mala qaaccessa haasbarruuti. Kunis waldhabbii gita irree qabuufi gita cunqurfamaa jidduu jiru ogbarruun dhugaafi haala qabatamaa akkatti agarsiisu kan xiyyeeffatu falaasama Markisiizimiitti dhimma bahuun kan raawwatameedha. Akka argannoo qorannoo kanaatti Oromummaan ulfina yookiin gatiifi ilaalcha qajeelaa namni dhuunfaas ta’ee gareen Oromoo ta’ee jiraachuufi mul’achuu isaaf ofiif kennu, simboo eenyummaa Oromoo ifeefi olka’ee nama keessaa mul’atu, safuufi seera Oromoon qajeelfamuufi jiraachuu kan gaafatu ta’uu sirbootni kun haalaan ibsaniiru. Weellistoonni Oromoo yaa’a seenaafi biqila qabsoo saba oromoo yoo ta’an, seenaafi eenyummaa barsiisuu, dhugaafi mirga sabaatiif falmuun Oromoofi Oromummaaf waardiyyaa ta’anii gidiraa Oromoorra gahu kamuu keessummeessaa kan as gahaniidha. Oromummaafi sirnoota moototaa hanga har’aa gidduu hariiroon jiru kan diinummaa yookiin waldhabdee ta’uun waan xiinxala qorannichaan bira gahameedha. Akka yaada furmaatattis qorattoonni seenaa dhaabbileen barnootaafi waajjiraaleen hubannoo Oromummaa cimsuurratti fuulleffachuun hojjachuufi hojiiwwan ogumaa eenyummaa ilaalcha siyaasaan xaxanii ofirraa dhiibuu caalaa dhimma itti bahuun barbaachisaa ta’uutu kaa’ame. en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso other en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.title MIL’UU OROMUMMAA: SIRBOOTA WARRAAQSAA KEEKIYYAA BADHAADHAA FILATAMAN KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account