QAACCESSA AFWALALOO OROMOO AFRAN QALLOO LOLA CALII CALANQOON WALQABATAN: YAADIDDAMA SEENAATIIN

Show simple item record

dc.contributor.author SOORAA TAADDASAA ARADDAA
dc.date.accessioned 2023-03-15T07:29:40Z
dc.date.available 2023-03-15T07:29:40Z
dc.date.issued 2014
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5360
dc.description 89 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun dhimma Seenaa Oromoo Afran Qalloo ogafaan isaa waliin walqabsiisee kan dhiyeessedha. Kaayyoon gooroo qorannichaa qabiyyeewwan afwalaloo Oromoo Afran Qalloo Lola Calii Calanqoo galumsa Seenaa hawaasichaa keessatti xiinxaluudha. Gosti qorannoo kanaa qorannoo ibsaa yoo ta’u xiinmalli qorannoo ammoo akkamtaadha. Iddattoon miti-carraa, darbaa dabarsaa dhimma itti bahame yoo ta’u, ragaaleen qorannichaa madda ragaalee tokkoffaafi madda ragaalee lammaffaa irraa funaanaman. Meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffiifi sakatta’a harshammee qorannoo kana keessatti dhimma bahamaniiru. Ragaaleen qorannoo kanaa irra caalatti afgaaffii fayyadamuun hawaasa barreessuufi dubbisuu hindandeenye irraa funaaname. Ragaaleen sakkatta’a harshammee immoo Waajjiraa Aadaafi Turiizimii Aanaa Meettaafi nama dhuunfaa irraa kan argameedha. Ragaaleen funaanamanis qabiyyeewwan ijoo afwalaloo Oromoo Afran Qalloo Lola Calii Calanqoo sonoota walkakaasuu, taatee, iccitii bulfachuufi xiiqiidha. Kana malees, afwalaloon Lola Calii Calanqoo galumsa Oromoo Afran Qalloo alattillee mul’achuu, faffaca’anii argamuufi humna guddaa kan qaban ta’uyyuu hangi tokkommoo dheerina yeroo keessa dhaloota ammaa biratti kan hinbeekamneedha .Afwalaloon kun qabiyyeewwaan garaagaraa of keessatti hammachuun, gaheewwan kanneen akka hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee cimsuu qabu. Argannoon qorannoo kanaa faca’ee jiraachuu, dagatamuu, xiyyeeffannoon kennamuufi dhabuu, barreeffamaan kan hin jirre ta’uufi ilaalchi kennamaafii jiru gadaanaa ta’uudha. Rakkoo kanaaf yaanni furmaataa; qindeessuu, dhaloota barsiisuu, xiyyeeffannoo akka argatu gochuufi sirna barnootaa keessa galchuun akka baratamu taasisuudha. Dimshaashumatti, afwalaloo Oromoon Afran Qalloo barnoota tokko malee sammuu isaatti iccitiin haguugee asiin gahe kanaaf xiyyeeffannoon kennamuu qaba en_US
dc.description.sponsorship YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA en_US
dc.title QAACCESSA AFWALALOO OROMOO AFRAN QALLOO LOLA CALII CALANQOON WALQABATAN: YAADIDDAMA SEENAATIIN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account