WARAQAA QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII LAMMAFFAA GUUTTACHUUF

Show simple item record

dc.contributor.author BIQILAA GARBII FUFAA
dc.date.accessioned 2023-10-27T06:50:30Z
dc.date.available 2023-10-27T06:50:30Z
dc.date.issued 2023-03
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/6524
dc.description 98 en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun Asoosama ‘Yoomi Laataa?’ Yaadiddama seenawaan xiinxalurraatti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, Ka’umsi qorannoo kanaa asoomni ‘Yoomi laataa?’ gahee seenaa gama hawaasumman, dinagdeefi siyaasaan ture ilaalcha dhalootaa jijjiiruu keessatti qabu adda baasuun addeessuudha. kaayyoon gooroo qorannoo kanaas dhimmoota hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee haala asoosama ‘Yoomi Laataa?’ keessa jiruun yaadiddama seenawaan xiinxaluudha. Ragaalee akkamtaa mala sakatta’a Harshammeen argaman mala qaaccessa qabiyyeetti gargaaramuun gaaffilee qorannichaaf deebiin kennameera. Qabiyyee asoosamichaa keessaa ragaalee funaanaman, kessattuu muuxannoo barreessaan dhimmoota ilaalcha seenaa bara 1845 kaasee hanga bara 1983tti jiru, gama miidhaaleefi acuuccaa aadaa, afaan, seenaa, xiinsammuu, eenyummaa saba Oromoo balleessuufi xureessuutiin ture xiinxalamee kan dhiyaateedha. Kana malees duudhaan Oromoo kan akka sirna gadaa akkamitti bakka bade sirna fiiwudaaliin akka bakka bu’eefi sirna fiiwudaaliitiin dhaalameefi danqaalee kallattii seenaatiin hawaasa Oromoo irra qaqqabaa turan ibsamaniiru.. Qorannoo kana keessattis dhimmonni gaaffileen qorannicha deebisuuf kitaabicha gadi fageenyaan dubbisuu, xiinxaluufi sakatta’uun ragaale argaman qoqqooduun, qaaccessuufi addeessuun dhiyaataniiru. Argannoowwan qorannichaas, gama tokkoon ummanni Oromoo hawaasa hunda hammatu,ilaalcha walqixxummaa, jaalalaa kan qabuufi, tokkummaan kan waliin jiraachaa ture;gabrummaaf kan hinsarmine ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biroon immoo, nafxanyaan meeshaalee ammayyaatiin Oromoo cabsuu waan hin dandeenyeef saba biroo irratti kaasuuf olola ‘dhiphoo’, ‘farra tokkummaa Itoophiyaa’fi ‘humnoota tokkummaa biyyaa diigan’, afaan isaa ‘Afaan Qottuudha’kanneen jedhaniidha.Keessattu Afaan Oromoo akka hin dubbatamneefi hin baratamnef imaammatafi labsiin sirna barnootaa keessaa baasuun akka hin guddanne taasifamuu, dhimma Seenaa isa kan baroota nafxanyoonni siyaasa dimookiraasii sirna Gadaa Oromoo cabsuuf Oromoota Godinaan, Koonyaan, Aanaan ,Lagaan akka walqoqqoodan gochuufi gaheewwan ilmaan Oromoo bara bulchiinsa sirna nafxanyaa Oromoo gabroomsisan,rakkooleen hawaasummaa biroo Oromoorratti ba’aa ta’an adda bahaaniiru. Rakkoolee kanneen furuuf hayyoonni Oromoo dhimma seenaa,xiin-aadaafi afaanirratti qorannoo gaggeessan qopheessitoota kitaabilee barnootaan walta’uun dhugaa qabatamaa ture qabiyyee barnoota Afaan Oromoofi seenaa keessa galchuun barsiisuufi akka sagantaa tokkootti bifa do’iin yookiin weeshoon suur-sagaleen dhiyeessuu en_US
dc.description.sponsorship Yuunivarsiitii Haramaayaa en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title WARAQAA QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII LAMMAFFAA GUUTTACHUUF en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account