Abstract:
Qorannoon kun mata duree Xiinxala Akkaataa Dhiyeenya Qabiyyee Kitaaba Barattootaa
Barnoota Gadaa Kutaa 8ffaa jedhu qabatee kan daangeffame yemmuu ta’u, ka’umsi
qorannoo kanaas, Sirni Gadaa sirna irraanfatamaa dhufee fi xiyyeeffannaa barbaadu
ta’uu, qorannoon mata duree kanarratti sadarkaa kamittuu hojjatame kan hinjirre ta’uu
isaati. Qorannoon kun gaaffiiwwan bu’uuraa adda addaa kanneen akka: haalli dhiyeenya
kitaabichaa maal fakkaata? Qabiyyeen kitaabichi ofkeessatti hammate maal
faadha?Akkaataan moggaasa qabiyyeewwan kitaaba barnoota Gadaa maal fakkaata?
jedhan qabatee kan ka’ee fi kaayyoowwan gooree gaaffii kana deebisuuf karoorfaman
qabatee kan ka’eedha. Kana galmaan gahuufis iddattoowwan mala miti carraa keessaa
akkayyoodhaan filataman irraa meeshaa funaansa ragaa sakatta’a dookumantiitiin
ragaawwan qorannoo irraa erga funaannamanii booda mala akkamtaatiin qaacceffamanii
bu’aa qorannootiif oolanii jiru. Haaluma kanaan, akka argannoo qorannootti kitaabichi
haala dhiyeenya adda addaa kanneen akka: barreeffama hawataa, suuraa barreeffamoota
cimsan, ragaalee gabateen qindaa’an kan qabatee dhiyaate ta’uu, sadarkaalee yookiin
gulantaawwan Sirna Gadaa Oromoo fi Hariiroo Sirni Gadaa Dimokiraasii ammayyaa
wajjiin qabu boqonnaawwan gara garaa jalatti akka qabiyyeetti hammatee kan dhiyaate
ta’uun bira gahamee jira. Gama birootiin immoo Akkaataan moggaasa qabiyyeewwan
kitaaba barnoota Gadaa maal akka fakkaatu ibsamee jira. Haaluma kanaan, kitaabichi
mata dureewwan adda addaa kanneen akka: gulantaalee gadaa agarsiisan, sirnoota Jilaa
mul’isan, lakkoofsa baraa fi yeroo agarsiisaniin kan moggaafame ta’uun isaa kaa’ameera.
Dhumarrattis, qorataan qorannichaa wantoota akka hanqinaatti ilaale:Kitaabicha
keessatti wanti barreeffamaan taa’e dabalataan osoo bifa suur-sagaleetiin yookiin
viidiyoon qophaa’ee manneen barnootaatiif raabsamee.Kitaabicha keessatti
qabiyyeewwan tokko tokko jalatti gaaffiiwwan dhiyaatan ajaja adda addaa qabatanii
bakka tokkotti kanneen dhiyaatan jiru. Gaaffileen akkasii ajaja mataasaanii qabatanii
kophaa kophaatti maxxansa itti aanu keessatti gulaalamanii osoo dhiyaatanii gaariidha.
Kanneen biroos akka yaada furmaataa qorannichaatti eeruu kennuudhaan qorannoo isaa
karaa milkaa’ina qabuun xumureera