FAYYADAMA AFAANII KITAABA KUUSAA WALALOO “EENYUMA AMANTAA?”: IJA YAAXXINA FAYYADAMUMMAATIIN

Show simple item record

dc.contributor.author Masarat Abdataa Shindoo
dc.contributor.author (Garga Piroof), Garramuu Caalaa
dc.contributor.author (PhD) Abbabee Lammeessaa
dc.date.accessioned 2024-04-22T07:29:36Z
dc.date.available 2024-04-22T07:29:36Z
dc.date.issued 2024-08
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/7749
dc.description 65p. en_US
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon Qorannoo kanaa kan irratti xiyyeeffate, Fayyadama Afaanii Kuusaa Kitaaba Walaloo “Eenyuma Amantaa?” Yaaxxina Fayyadamummaatiin qaaccessuudha.. Ogwalaloon irra caalaa fayyadama afaanii adda ta‟een waan qophaa‟uuf, hubachuurratti barreessitoota, dubbiftootaafi dhaggeeffattootatti ulfaachuu danda‟a jedhee waanan yaadeef, fayyadamni afaanii kuusaa walaloo qorannoof filatamee, maal maal akka ta‟an xiinxaluurratti kan xiyyeeffadheedha. Saxaxni qorannichaa immoo, qaaccessa hafee yeroo ta‟u, mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun meeshaalee funaansa ragaalee keessaa sakatta‟a barruu yookaan dookumentiitti dhimma bahe. Dabalataanis, mala iddatteessuu miti carraa keessaa, iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahuun fayyadama afaanii kuusaa walaloo “Eenyuma Amantaa?” irratti qorannoo kiyya adeemsise. Haaluma kanaan, fayyadamni afaanii kitaaba kuusaa walaloo kanaa keessatti argaman kanneen akka garee jechootaa jalaa jechoota hiika faallaa qabanii, malleen dubbii, jechamootaa, mammaaksotaa, adda baafamuun, jechoota muraasaan yaada bal‟aa dabarsuun isaanii xiinxalamee jira. Dabalataanis, fayyadama afaanii gargaaramuun dhimmoonni akka siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa mul‟isan xiinxalamaniiru. Dhumarratti, yaada walaloon dabarsuuf barbaadame keessatti, fayyadamni afaanii gahee olaanaa waan qabuuf, barreessitoonniifi dubbistoonni fayyadama afaaniirratti osoo xiyyeeffatanii gaarummaa niqabaata. Akkasumas, filannoo jechootaa, jechamootaa, mammaaksaafi dubbiiwwan qolaatti fayyadamuun akka suuraan waan tokkoo hindagatamnetti sammuu namaa keessa kan kaa‟u ta‟uu hubatameera. Kanaafuu, fayyadamni afaanii walaloo keessatti mul‟atan dandeettii dubbistootaa, dhaggeeffattootaafi barreessitootaa cimsuu keessatti qooda olaanaa waan qabaniif, dhaggeeffataa, dubbisaafi barreessaa kan jennummoo mana barumsaa keessaa waan madduuf, kitaaba barnootaa keessattillee galuun, waa‟een fayyadama afaanii walaloofi hojii ogbarruu biroo keessatti mul‟atu baruufi barsiisuuf akka oolu osoo godhamee murteessummaa niqabaata. Sababni isaas, fayyadamni afaanii ogwalaloo afaanichaa guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuu en_US
dc.description.sponsorship Haramaya Haramaya en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title FAYYADAMA AFAANII KITAABA KUUSAA WALALOO “EENYUMA AMANTAA?”: IJA YAAXXINA FAYYADAMUMMAATIIN en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account