dc.contributor.author |
DALASAA NAGAASAA BAREECHAA |
|
dc.contributor.author |
Imaanaa B. (Ph.D) |
|
dc.contributor.author |
Piroofeesaaraa Muhaammad Abdoo |
|
dc.date.accessioned |
2024-12-19T07:13:11Z |
|
dc.date.available |
2024-12-19T07:13:11Z |
|
dc.date.issued |
2024-06 |
|
dc.identifier.uri |
http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8007 |
|
dc.description |
79 |
en_US |
dc.description.abstract |
Qorannoon kun ‘Gaheewwan walaloon barsiisuun dandeettiiwwan afaanii olaanoo guddisuu
keessatti qabu xiinxaluu’ jedhu irratti gaggeeffame. Kaayyoonsaas gaheewwan ogwalaloon
dandeettiiwwan afaanii bu’uuraa barsiisuu keessatti qabu xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaa
xiyyeeffannoon gama walaloo fayyadamuun dandeettii afaanii barsiisuun xiyyeeffannoo kan hin
arganne ta’uusaati. Xinmalli qorannoo kanaa xinmala akkamtaa yoo ta’u saxaxa qorannoo
ibsaatti dhimma baheera. Akkasumas, qorannoo kana gaggeesuuf yaadiddamni faayideesummaa
xiyyeeffannoo qorannoo kanaati. Akeeka kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu kaayyeffataatti
dhimma bahameera. Ragaaleen qorannoo kanaaf funaanamanis mada ragaa lamaanuurraa kan
argamaniidha. Kunis hashameefi afgaaffii barsiisota irraa fudhatan fayyadamuuni. Ragaaleen
funaanamaanis mala qaacceessa qorannoo akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru. Bu’aan
xiinxallii ragaalee qorannichaas afeewwaan walaloo kitaabilee filataman keessatti dhiyaatan
dandeettiiwwan afaanii barsiisuu keessatti itti fayyadama ogummaawwan afaanii shaakalchisuuf
dhiyaachuu isaaniiti. Kanamalees, walaloon dandeettiiwwan afaanii barsiisuu keessatti faayidaa
akkuma qaban danqaawwan yommuu walaloo fayyadaman mudatan jiraachuun hubatameera.
Argannoon qorannoo kanaas, walaloon dandeettiiwwan afaanii akka waliigalaatti guddisuu
keessatti gahee olaanaa qabaachuudha. Kana malees, walaloowwan kitaabilee Afaan Oromoo
keessatti dhiyaatan dandeettiiwwan afaanii barsiisuudhaaf tooftaalee baayyeen hojiirra ooluu
dhabuu, ogeeyyiin sirna barnoota afaaniifi barreessitoonni kitaabilee Afaan Oromoo
qopheessan walaloof xiyyeeffannoo kennuu dhabuudha. Yaboon kennames, kitaabni barataa
sadarkaa barattootaa wajiin akka wal simatutti akka gaariitti kan qophaa’eefi walaloon gosa
barnoota filatamoo osoo hin taane qaama sirna barnootaa ta’uu qaba |
en_US |
dc.description.sponsorship |
Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa |
en_US |
dc.language.iso |
other |
en_US |
dc.publisher |
Haramaya University, Haramaya |
en_US |
dc.title |
XIINXALA WALALOON DANDEETTIIWWAN AFAANII OLAANOO BARSIISUU KEESSATTI QABU; KITAABILEE BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 11FFAAFI 12FFAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN |
en_US |
dc.type |
Thesis |
en_US |