Abstract:
Ka’umsi qorannoo kanaa waliin dubbiifi wal hubannaa ogeessota fayyaafi
wallaanamtootaa keessatti rakkoowwan uumamaniidha. Kaayyoon qorannoo kanaas
xiinxala haas-barruu ogeessota fayyaafi wallaanamtootaa: waliin dubbii ogeessota
fayyaafi wallaanamtootaa hoospitaala walii galaa haramaayaa irratti xiyyeeffachuun
xiinxala gaggeessuudha. As keessatti sababni waliin dubbii isaanii keessatti rakkoon
uumamuuf maaliif akka ta’e adda baasuu, wal hubannaa isaanii keessatti wantoonni gufuu
ta’an maalfaa akka ta’an xiinxaluufi waliin dubbii isaanii keessatti hangam takka akka wal
hubatan gadi fageenyaan xiinxaluun addeessuufi ibsuudha. Qorannoon kun mala
qorannoo akkamtaatiin kan gaggeeffame ta’ee, Yaadiddama qorannoo gochaa sanyaabsaa
fayyadamuun kan gaggeeffameedha. Maddi ragaalee qorannoo kanaa madda raga
tokkoffaadha. Dhuma irratti argannoon Qorannoo kanaas, Waliin dubbii ogeessoni
fayyaafi wallaanamtoonni gaggeessan keessatti akka isaan wal hin hubanneef wantoonni
sababa ta’an, ogeessonni fayyaa afaan wallaanamtootaa sirritti beekuu dhabuufi waliin
dubbiin doktoroonni tokko tokko wallaanamtootaa wajjiin gaggeessan ulaagaa waliin
dubbii guutuu dhabuu, dhukkubsattoonni dabaree eeggachuuf osoo wallaansa hin arganne
turuu, jechoota haaraafi hiikaa tokkoo ol qabu fayyadamuu, garaagarummaa loogaafi
afaan walii sirritti beekuu dhabuu akka ta’e qorannoo kana keessatti bira ga’ameera.
Walumaa galatti rakkoo kana furuuf waliin dubbiin ogeessonni fayyaa wallaanamtootaa
wajjiin gaggeessan kan wallaanamtoota jiddu gala godhate ta’uu akka qabuufi immoo
duudhaa ogummaa isaaniin hoggananuufi madaalamuu qabaaachu akka furmaataatti lafa
kaa’ameera.