dc.description.abstract |
Qorannichi, Xiinxala Makuu Afaanii Haasaa keessatti: Afaan Amaaraa gama Afaan Oromootti Godina Addaa, Aanaa Sabbataa Awaas irratti xiyyeeffata. Kaayyoo gooroo qorannichaa, makaa Afaan Amaaraa gama Afaan Oromoo keessatti mul’atu xiinxaalun ibsuudha. Madda odeeeffannoo kanas maddaa ragaa tokkoffaa fi lammaffaa irraa kan argameedha. Akkasumas, qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka, dawwannaa, bargaaffii fi sakatta’a harshammee fayyadamuun ragaaleen funaanamanii jiru. Dabalataniis, qorannoon kun mala qorannoo makoo irratti kan xiyyeeffateedha. Argannoon qorannoo kanaarraa argames, dhiibbaa sirna mootummoota darbanii irraa kan ka’e, Afaan Oromoo osoo dubbachaa jiranii Afaan Amaaraa sadarkaa dhamjechaatti Afaan Oromoo keessa galchuun ittiin waliigalu isaanii. Akkasumas haccuuccaa mootummoota darbanii irraa kan ka’e, osoo maqaa maddi isaa Afaan Oromoo ta’e tokko jiru yookiin kan Uummata Oromootiin maqaan moggaa’eef osoo jiru, jecha itti fayyadaman san maqaa Amaarri moggafateen Oromoomsun sadarkaa jechaattii kan itti waligaluu ta’uu isaati. Akkasumas, afaan tokko keessatti haallii qindoominni jechaafi dhamjechaa isaa yoo sirrii ta’uu baatee hiikni inni dabarsuu hubatamuu dhiisuu isaa. Kun immoo sadarkaa jechaa fi dhamjechaattii kan mul’atuu ta’uu isaatti. Kana irraa ka’uun yaanni furmaataa ka’ame, dhiibbaa sirna mootummoota darbanii irraa kan ka’e, Afaan Oromoo osoo dubbachaa jiranii Afaan Amaaraa Afaan Oromoo keessa sadarkaa dhamjechaatti galchuun itti dhimmi bahan, osoo dhamjecha Afaan Oromoo jecha Afaan Oromoo irratti maxxansuun fayyadamanii gaariii ta’a. Akkasumas haccuuccaa mootummoota darbanii irra kan ka’e, osoo maqaa maddi isaa Afaan Oromoo ta’e osoo qabuu yookiin kan Uummata Oromootiin maqaan moggaa’eef osoo jiru, jecha itti fayyadaman san maqaa Amaarri moggafateen Oromoomsun itti waligaluu kan mul’atuu yoo ta’uu, kunis sadarkaa jechaattii waan ta’eef osoo jechuuma Afaan Oromoon moggafamee itti dhimmanii itti fayyadamani. Sababiin isaas waltiin jechoota Afaan Oromoo irratti rakkina waan fiduuf. Dabalatanis, afaan tokko keessatti haallii qindoomina yookiin caaseffamni isaa yoo sirrii ta’uu baatee hiikni inni dabarsuu hubatamuu dhiisuu danda’a. Kanaafuu mootummaan Federaalaa Imaammata Afaanii ilaalchisee makaan kun akka hafuuf osoo Afaan Oromoo illee akka afaan Federaalaa ta’u taasiise gaarii ta’a. Sababiin isaas naannoon sabbataa nannoo magalaa guddittii biyyaa keenyaa waan ta’eef. Dabalataanis wajjiirri Barnoota Aanaa Sabbata Hawasii fi Biroon Barnoota Oromiyaa osoo xyyeffannoo gudda kenneefii gaarii ture. Akkasumallee, Biroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa yoo kanaan durallee waa’ee makaa kana irrattii xiyyeffannoo gochuu baate, osoo kanaanii booda xiyyeeffannoo laateefii. |
en_US |