Abstract:
Qorannoon kun qaaccessa qabiyyee geerarsa qeeqaa Oromoo Maccaa Aanaa Limmuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas geerarsa qeeqaa Oromoo Aanaa Limmuu qaaccessuun dhaloota dhufuuf dabarsuudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa ta‘ee mala ibsaa fayyadamuun qaacceffame. Iddattoon qorannichaas iddattoo mit-carraa keessaa mala iddattoo akkayyoo yoo ta’u meeshaaleen funaansa ragaalee dhimma itti bahames afgaaffii, marii gareefi daawwannaadha.Ragaaleen kunis sagalee waraabduu gargaaramuun walaloowwaniifi yedaloowwan geerarsaa waraabamaniiru. Ragaalee bifa kanaan guuramaan gara barreeffamaatti jijjiiramuun gareewwan isaatti qoqqoodamanii qabiyyee isaaniin qaacceffameera. Argannoowwan qorannichaas: geerarsi qeeqaa jiruufi jireenya hawaasaa keessatti kabaja, akeekkachisa, gorsaafi kkf ibsuuf oolu, siyaasa keessatti roorroofi cunqursaa ofirraa mormuuuf akka meeshaa qabsootti kan tajaajiluu, dinagdee keessattis deega keessaa bahuun dinagdee isaanii akka guddifatan kan taasisudha. Aadaa hawaasaa guddisuu keessattis geerarsi gahee guddaa kan qabuufi yeroo ammaa kana halootni kanneen akka ammayyummaa, xiyyeeffannoo dhabuufi amantaan laafaa jiraachuun isaan gurguddoodha. Walumaagalatti qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta’a jedhamee kan kaawwame jaarsoliin biyyaa,Waajjirri Aadaafi Tuurizimii, Barsiisotni Afaan Oromoofi Gumii Ogbarruu Oromoo geerarsota qeeqa mul’isan walitti sassaabuun bifa barreeffamaan qindeessuun golambaa keessatti kunuunsuufi ogafaan hawaasichaaf xiyyeeffannoo itti laatamuun dhaloota dhufuuf kaa’amuun gaarii akka ta’e kaa’ameera.