QAACCESSA GEERARSA QEEQAA OROMOO MACCAA: AANAA LIMMUUU IRRATTI KAN XIYYEEFFATE.

Show simple item record

dc.contributor.author Bayyanaa Garbiitiin, Balaay
dc.contributor.author Bayyanaa, Dr. Imaanaa
dc.contributor.author Baldaa nuffii, piroof. Fiqaaduu
dc.date.accessioned 2018-01-28T17:26:41Z
dc.date.available 2018-01-28T17:26:41Z
dc.date.issued 2018-12
dc.identifier.uri http://localhost:8080/xmlui/handle/123456789/1338
dc.description 75p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kun qaaccessa qabiyyee geerarsa qeeqaa Oromoo Maccaa Aanaa Limmuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas geerarsa qeeqaa Oromoo Aanaa Limmuu qaaccessuun dhaloota dhufuuf dabarsuudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa ta‘ee mala ibsaa fayyadamuun qaacceffame. Iddattoon qorannichaas iddattoo mit-carraa keessaa mala iddattoo akkayyoo yoo ta’u meeshaaleen funaansa ragaalee dhimma itti bahames afgaaffii, marii gareefi daawwannaadha.Ragaaleen kunis sagalee waraabduu gargaaramuun walaloowwaniifi yedaloowwan geerarsaa waraabamaniiru. Ragaalee bifa kanaan guuramaan gara barreeffamaatti jijjiiramuun gareewwan isaatti qoqqoodamanii qabiyyee isaaniin qaacceffameera. Argannoowwan qorannichaas: geerarsi qeeqaa jiruufi jireenya hawaasaa keessatti kabaja, akeekkachisa, gorsaafi kkf ibsuuf oolu, siyaasa keessatti roorroofi cunqursaa ofirraa mormuuuf akka meeshaa qabsootti kan tajaajiluu, dinagdee keessattis deega keessaa bahuun dinagdee isaanii akka guddifatan kan taasisudha. Aadaa hawaasaa guddisuu keessattis geerarsi gahee guddaa kan qabuufi yeroo ammaa kana halootni kanneen akka ammayyummaa, xiyyeeffannoo dhabuufi amantaan laafaa jiraachuun isaan gurguddoodha. Walumaagalatti qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta’a jedhamee kan kaawwame jaarsoliin biyyaa,Waajjirri Aadaafi Tuurizimii, Barsiisotni Afaan Oromoofi Gumii Ogbarruu Oromoo geerarsota qeeqa mul’isan walitti sassaabuun bifa barreeffamaan qindeessuun golambaa keessatti kunuunsuufi ogafaan hawaasichaaf xiyyeeffannoo itti laatamuun dhaloota dhufuuf kaa’amuun gaarii akka ta’e kaa’ameera. en_US
dc.description.sponsorship YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCESSA GEERARSA QEEQAA OROMOO MACCAA: AANAA LIMMUUU IRRATTI KAN XIYYEEFFATE. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account