Abstract:
Qorannoon kun mata duree “sirba fuudhaafi heerumaa” jedhu irratti Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo-Doolaatti geggeeffame.Ka’umsi Qorannoo kanaas safuu hawaasaafi haala jiruufi jireenyaa barsiisuu keessatti dagatamaa deemuu duudhaa hawaasaa arrassoo fuudhaa heerumaati Kaayyoon qorannichaa weedduu walaloo arrassoo yeroo fuudhaaf heerumaa kana qabiyyee xixiqqaatti qoqqooduun xiinxaluufi..Kaayyoo kana galmaan ga’uuf ragaaleen qorannicha xiinxaluun madda raga tokkoffaafi madda raga lammaffaa irraa funaanama. Maloonni iddatteessuu filataman immoo mala iddetteessuu miti carraa jechuunis iddattoo darbaa dabarsaa fi akkayyoodha.Meeshaaleen funaansa ragaalee itti dhimma bahamanisafgaaffii,daawwannaafimarii gareetti Argannoowwan qorannoo kanaa;walaloo arrassootti gargaaramanii hanqina ofii foyyeffachuu, jireenya injifachuu, walqeequuf, amala gadhee dhuunfaan mul’atu to’achuuf qooda guddaa qaba.Kanneen kanaafi kana fakkaataniif waan gargaaruuf ergaa qabiyyee walaloo arrabsoo fudhaafi heerumaa akka duriitti deebisuun yoo dadhabamellee qoratanii barreeffamaan ol kaa’uun hawaasichi akka irraa baratu gochuun barbaachisaadha.